Oortoodooksi
Jechi “Oortoodooksi” jecha Giriikii yoo ta’u jechoota lamaan “Oortoo” fi “Dooksi” irraa kan walitti dhufee dha. Hiikaan isaaniis: “Oortoo” jechuun sirrii, qajeeloo ykn sorooroo jechuu yoo ta’u, “Dooksi” jechuun immoo amantii/amantaa jechuudha. Walumaa galatti “oortoodooksi” jechuun amantaa qajeeloo ykn amantii/amantaa sirrii jechuudha.
Jechi “Oortoodooksi” jedhu kun yeroo jalqabaatiif kan hojii irra oole bara 325 B.A. yaa’ii Niiqiyaa irratti dha. Kan moggaasanis abbootii 318 yaa’ii sana irratti hirmaatan kan amantaan isaanii qajeeloo ta’e yemmuu ta’u isaanis namicha Aariyoos jedhamu kan “Ilmi uumamaa dha” jechuun yaada dogongoraa kaase ciiga’uu fi amanti isaanii cimsuuf walgahanii dha. Abbootiin kun jecha kana kan fayyadaman amantaan keenya kan duuka bu’oota irraa dhaalle isa qajeeloo ykn sirrii dha jechuuf dha. Yeroo adda addaatti gantootni akka Aariyoos barumsa isaanii sirrii kan hintaane akka ta’e agarsiisuuf maqaa amantaa isaanii Oortoodooksii jedhaniin.
Jecha ammayyaatiin immoo karaan oortoodooksi (orthodox) jechuun karaa baramaa ta’een rakkoo wayii hiikuu yoo ta’u, miti-oortoodooksi (unorthodox) jechuun immoo karaa kanaan dura hin beekamneen fi karaa adda ta’een rakkoof fala dhahuu jechuudha. Kanaan alatti namoonni tokko tokko kan jijjiiramaaf hin onnanne jechuuf itti fayyadamu. Isaan kuni garuu yeroo booda kan dhufan fi hiikaa sirrii hintaane akkasumas kan faalame dha jenne fudhachuu dandeenya.
Tawaahidoo
“Tawaahidoo”n jecha Gi’izii yoo ta’u hiikaan isaa “tokko ta’e” jechuu dha. Hiikaan isaas Gooftaan yeroo nama ta’u amalli Waaqummaa fi namummaa tokko ta’e jechuu dha. Kanaaf, tawaahidoo jechuun “Ilma tokko ta’e” jechuudha. Kiristoos kan nama ta’e: otoo hin deebi’in, otoo hin jijjiiramin, otoo wal hin makamin, otoo hin ida’amin, otoo adda hin bahin, otoo irra hin bulin dha. Kiristoos qaama lama irraa qaama tokko, amala lama irraa amala tokko kan ta’e tawaahidoon dha. Kanaaf jechi tawaahidoo jedhu iccitii Kiristoos ittiin nama ta’e kan ibsu jecha guddaa dha. Kiristoos nama kan ta’e tawaahidoon dha.
Oortoodooksi Tawaahidoo
Oortoodoksi Tawaahidoo jechuun Iyyasuus Kiristoos tawaahidoodhaan qaama lama irraa qaama tokko, amala lama irraa amala tokko (Jecha foon ta’e) jettee kan amantu amantii/amantaa qajeeloo jechuu dha. Kunis kan raajotaan jedhame, Kiristoos wangeela irratti kan barsiise, duuka bu’ootni kan lallaban, beektonni kan iccitii isaa ibsan irratti kan hundaa’e dha. Amantaan kuni Kiristaanota yeroo duuka bu’ootaa turan irraa eegalee wlharkaa fuudhiinsaan dhalootaa gara dhalootaatti darbuun kan as ga’e waan ta’eef amantaa sirrii dha. Kan hin faalamin fi kan hin jijjiirramin waan taateef amantaa sirriiti.
Mat 16:16-18 irratti “Iyyasuus biyya Filiiphoos Qisaariyaa yeroo gahu duuka bu’oota Isaan: namoonni Ilma Namaa eenyu jedhuun? Jedhee gaafate. Isaanis: tokko tokko Yohaannis isa Cuuphaa, kaanis Eeliyaas, kaan Ermiyaas ykn raajota keessaa isa tokko jechu jedhaniin. Innis: isinhoo anaan eenyu jettu? Jedheen. Pheexiroos Simoonichi deebisee: Ati Kiristoos Ilma Waaqayyo Isa Jiraataati jedhe. Gooftaanis deebisee akkas jedheen: Yaa Simoon ilma Yoonaa Abbaa kiyya isa samii irraa malee foon fi dhiigni kana siif hin ibsine waan ta’eef ati kan ayyaanomtee dha. Anis siinin jedha ati Pheexiroosi dha dhagaa qarsaa kana irrattis Mana Kiristaanaakoo nan ijaara gooftummaan du’aas isa hin danda’u” jedha.
Tawaahidoon (Jecha foon ta’e) jechuun amantii Pheexiroos kana kan agarsiisuu dha. Akka Gooftaan mirkaneesse, amantiin Pheexiroos kuni qarsaa dha. Amantaan keenya amantii kanarratti waan hundoofteef Oortoodooksi Tawaahidoo jedhamte. Qarsaan kun kan jijjiiramu miti, kan haaromfamus miti; akkuma manni illee yeroo haaromfamu bu’urri hin haaromfame sana. Amantaan hundee dha, bu’uradha. Bu’ura haaromsuuf deemuun manicha diiganii ijaaruu ta’a. Kitaabni “Kan bu’ureeffameen alatti eenyuyyuu bu’ura biraa baasuu hin danda’u, innis Iyyasuus Kiristoosi, 1Qor 3:11”, akkuma jedhu. Amantaan bu’ura kanarratti hundoofte nama haaromsiti malee ofiin haaromfamuun ishii hin barbaachisu.
Amantaalee Barumsa Kana Fudhatan
Barumsaa tawaahidoo (Miaphysite) kan fudhatan Manneen Kiristaanaa Bahaa (Oriental Churches) jedhamu. Isaan kunis Mana Kiristaana Oortoodooksi Tawaahidoo Itophiyaa (Ethiopian Orthodox Tewahedo Church), Mana Kiristaana Oortoodooksi Tawaahidoo Eertiraa (Eritrean Orthodox Tewahedo Church), Mana Kiristaanaa Kooptiikii Misir (Coptic Orthodox Church), Mana Kiristaanaa Oortoodooksii Arman (Armenian Orthodox Church), Mana Kiristaanaa Oortoodooksii Sooriyaa (Syrian Orthodox Church) fi Mana Kiristaanaa Oortoodooksii Hindii (Indian Orthodox Church) ti. Isaan Manneen Kiristaanaa Bahaa kuni Yaa’ii Keelqedoon kan hin fudhatin yommuu ta’an bu’ura amantaa (Dogma) tokko kan qabani dha.
Namoonni tokko tokko “Oortoodooksi” jechi jedhu kitaaba qulqulluu keessa meerre jira? jedhu. Garuu kitaaba raajii irratti “Karaa qaxxaamuraa irra dhaabadhaa, ilaalaa, karaa dursitee turte gaafadhaa, karaa gameettiin eessan akka taate baraa, ishees hordofaa lubbuu keessaniif boqonnaa argattuu; isaan garuu hin deemnu jedhan, Erm 6:16” jedha. Kakuu haaraa kessattis: “Iyyasuus Kiristoos kaleessas har’as haga bara baraatti Isuma dha, Ibr 13:8” jedha. Kuni kan agarsiisu karaa qajeeltoon takka qofa akka jirtuudha. Isheenis Oortoodooksi Tawaahidoo dha. Kanas kan jennu odeeffanno mirkaneessaa ta’eeni. Astemiroon itti fufiinsaan odeeffannoo hordoftootaaf ni dhiyeessiti.
Galatni Waaqayyoof Haa Ta’u!