Amantii/Amantaa Takka

Amantiin maali? Amantaa hoo?

Amantii jechuun “waan abdatan dhuguma ni ta’a jedhanii fudhachuudha; waan ijaan hin argines akka jirutti kan mirkaneessu dha. Addunyaan jecha Waaqayyootiin akka uumaman wanti mul’atan wanta ijaan hin mul’atne irraa akka ta’e baranna”, (Ibr 11:1-3). Fakkeenyaaf, mootummaa samii (jireenya bara baraa) abdii godhanna; amantiin abdii kana nuuf mirkaneessa. Mootummaa Waaqayyoo kan samii nuti hin agarre, garuu amantiin waan nuti hin argin kana nuuf ibsa. Saayinsiin kana gochuu hin danda’u. Amantiin dhugaa sirrii (Absolute truth) irratti hundaa’a malee akka saayinsii dhugaa madaalawaa (relative truth) irratti miti.

Amantaa jechuun immoo amantii fi waaqeffannaa bakka tokkotti kan qabate ta’ee seera amantii fi waaqeffannaa jechuu dha. Waaqayyootti amannee seerri (system) ittiin waaqeffannu amantaa jedhama. Barumsi seera amantii fi waaqeffannaa kuni barumsa amantaa jedhama. Waaqayyo maal jennee akka amannuu fi akkamiin akka waaqeffannu kan nutti ibsu barumsa amantaati jechuu dha. Kanaafuu, amantiin keenya amantaadhaan ibsama.

Amantaa/amantii takka jechuun maal jechuu dha? Efe 4:5

Ka’umsi barumsa kanaa jecha qul. Phaawuloos “Gooftaa tokko, amantaa tokko, cuuphaa takka” jechuun barsiise dha, (Efe 4:4-5). Kun kan barreefameef tokkummaan jireenya afuurawaa akka eegamuu fi gidduu Kiristaanotaatti garaa garummaan akka hin uumamne waltti hidhuuf dha. Haala ibsa barreefama kanaatiin “amantaa takka” jechuun hiikaalee armaan gadii kana akka qabaatu beektonni ni mirkaneessu:

1. Amantaa takka jechuun Waaqayyo tokkotti amanuu dha.

Waaqni Addaam Waaqa Abrahaami. Waaqni Abrahaam Waaqa Yisihaaq, kan Yaaqoob, kan Daawiit, kan Pheexiroos fi Waaqa hunduma keenyati. Waaqa qul. Pheexiroos amane fi inni waaqeffate nutis yoo amanne fi yoo waaqeffanne qul. Pheexiroos waliin amantaadhaan tokko. Ilmaan keenya yoo akkasitti amanan fi waaqeffatan, amantaa takkittiin tuni eegamtee jiraatti jechuu dha. Kanaaf, amantaa takkittii jechuun Waaqayyo tokkotti (lakkoofsaanis ta’ee amalaan tokko jechuun) amanuu fi seera waaqeffannaa tokko hordofuu dha. Kakuu moofaas ta’ee haaraa kessatti kan waaqeffatamu Waaqayyo tokko. Kanaaf, “amantaa takka” kan jedheef Waaqayyo tokko isa kakuu moofaa keessa ture kan lallabu fi amantaan Kiristaanaa isa duraa irraa kan itti fufe fi kan duraan ture kan itti ifa bahe malee amantaa haraa dhufe akka hin ta’in mirkaneessuf dha.

2. Amantaa takka jechuun cuphaa takkaan dhalachuu dha.

Balballi amantaa Waaqayyo tokkotti amananii cuuphamuu dha. Cuuphaanis bishaan fi Afuura Qulqulluu irraa dhalachuu fi maatii Kiristoositti makamuu dha. Tokkoon tokkoon keenya kan cuuphamnu yeroo tokko qofa. Cuuphaan hin lammeefamu. Ilmaan Waaqayyoo erga jedhamne, akkasumas, erga hammatamnee booda maqaa lammataa fi ilmummaan lammataa waan hin jirreef cuuphaan takkitti dha jennee amanna. Cuuphaan hundi keenya cuuphamne kaayyoon isaa tokko; innis ilmummaa argachuu dha. Cuuphamuu keenyaan Iyyasuus Kiristoos waliin tokkummaa uumanna; du’aa fi du’aa ka’uu Isaatti hirmaanna; ilmummaa afuurawaa arganna. Siimboon ilmummaa sunif tokkuma. Kanaaf, namni cuuphaa takkaan tana cuuphamee ilmummaa argatee maatii Kiristoositti makame amantaadhaan tokko jechuuf “amantaa takka” jedhe.

3. Amantaa takka jechuun abdii tokkoof fi abdii tokkoon waamamuu dha.

Namni Waaqayyo tokkotti amanee cuuphame abdiin inni eegatu tokko. Innis Mootummaa samii (jireenya bara baraa) ti. Isa tokkoof abdii tokko isa biraaf abdiin biraa hin jiru; abdii takka malee. Abdii takkaaf kan waamame amantaa garaa garaa irra jiraachuu hin danda’u. Qul. Phaawuloos fi qul. Pheexiroosiin lallabni waa’ee abdii isa tokkoo kuni ibsameefii kan turan kiristaanonni amantaa tokko qaban turan. Pheexiroos warra dhagna qabataniif, Pheexiroos immoo uummatoota biraa yaa barsiisanuyyuu malee amantaan isaanii garuu tokko dha. Sababa kanaf “amantaa takka” jedhe.

4. Amantaa takka jechuun qama tokko ta’uu jechuu dha.

Amantaa takka jechuun qaama tokko afuura tokko ta’uu jechuu dha. Duuka bu’ichi qul. Phaawuloos yeroo ibsu “Qaamni tokko akka ta’e, dhaqna adda addaa akka qabaatu, haata’u malee dhaqni garaa garaa walitti qaama tokko akka ta’an, Kiristoosis akkasuma. Yihuudiis ta’u Giriik, garbas ta’uu walaba, hundi keenya afuura tokkoon qaama tokko akka taanu cuuphamnee jirra … qaamni dhaqna baay’ee kan qabu malee dhaqna takka akka hin taane … isinis qaama Kiristoos taatanii dhaqnaa garaa garaati”, (1 Qor 12:27). Gooftaanis “Ani muka wayiiniti isin immoo dameewwan isaati”, (Yoh 15:5) akkuma jedhe muka tokkicha irratti kan hundoofne dha; kennaa garaa garaa qabaannus qaama Kiristoos isa tokkichaa waan taaneef amantaa tokko malee amantaalee adda addaa kan qabaannu miti.

5. Amantaa takka jechuun Afuura Qulqulluu tokkoon qajeelfamuu dha.

Ega Kiristoos ol bahee booda manni kiristaanaa kan qajeelfamte Afuura Qulqulluu duuka bu’oota irra bule sanaani, (HoE 2:1). Har’as mana kiristaanaa kan qajeelchu karaa qul. Siinoodoosiitiin Afuura Qulqulluu dha. “Hundi keenya Afuura Qulqulluu tokkicha dhugneerra”, (1Qor 12:27) akkuma jedhu. Afuura Qulqulluu tokkoon kan qajeelfamu amantii fi amantaa tokko malee kan adda addaa ta’uu hindanda’u. Kanaaf amantaa takkittii jechuun kan Afuura Qulqulluu tokkoon hooganamu jechuu dha.

6. Amantaa takka jechuun al-takka kan kennamte jechuu dha.

Amantaan al-tokko kan kennamte fi takkittii dha. Kanas “Michoota koo! Waa’ee fayyina walii wajjin qabnuuf durumaan isiiniif barreessudhaaf dhama’ee otoon jiruu, qulqullootaaf al-takka amantaa kenname sanaaf akka loltaniif gorsa isiniif barreessuun dirqii natti ta’e”, (Yih 1:3) jedha. Amantaan tuni Iyyasuus Kiristoos dhagaa bu’uraa kan ta’eef fi Isa irratti kan hundoofte dha, (Mat 16:16). Amantaan yeroo garaa garaa deddeebitee kan kennamtu miti. Kanuma yeroo duka bu’ootaa turte sanatu har’as jiraachu qaba. Bu’ura kanaan amantaan kan eegamtu (conservative) malee kan fooyyoftu (progressive) miti. Kanaaf amantaan takkitti dha.

7. Amantaa takka jechuun Kiristoos isa tokkicha fakkaachuu jechuu dha.

Wanti Kiristoos irraa baranne isuma Kiristoos fakkaachuu waan ta’eef amantaan takkittii ta’uu qabdi. Waa’ee kanaa irratti qul. Phaawuloos “Iyyasuus Kiristoo waliin akka tokko taanu kan cuuphamne hundi keenya du’a Isaa waliinis akka tokko taanu akka cuuphamne hin beektanii? … du’a Isaa kan fakkaatu du’aan akkuma waliin jirru du’aa ka’uu Isaa kan fakkaatu ka’umsaanis akkasuma Isa waliin taana” (Rom 6:4-5) jedha. Gooftaanis “barsiisaan keessan, hayyuun keessan, abbaan kessan tokko”, (Mat 23:8) jedhee barsiisera. Nuti Kiristoos akka fakkaannu qul. Phaawuloos yeroo ibsu “Ani akkuman Kiristoos fakkaadhu isin immoo ana fakkaadhaa”, (1Qor 11:1) jedha. Gooftaan keenyas “Ana irraa baradhaa”, (Mat 11:29); “Ani qulqulluu akkuman ta’e isinis qulqulloota ta’aa”, (1 Phe 1:16), jedha. Egaa amantaan Kiristoos isa tokkicha fakkaachuu yoo ta’e amantaa tokko jechuu dha.

Amantii moo Amantaa takka?

Kitaaba Qulqulluu tokko tokko keessatti “amantaa”n fi “amantii”n waan waljala jijjiiramee barreefameef namootni tokko tokko amantii tokko kan qabaatan amantaan adda addaa jiraachuu danda’a jedhu. Haaluma olitti caqafameen qul. Phaawuloos waliin amantiin qofa otoo hin taane seera waaqeffannaatiin illee tokko ta’uun, jechuunis, akka inni amanetti amanuu fi akka inni waaqeffatetti waaqeffachuutu sirrii nama taasisa. Amantiin tokko kan ibsamu amantaa tokkooni. Amantii adda adaa yoo ta’ee malee amantiin tokko amantaalee bay’ee kessatti mul’achuu hin danda’u. Amantiin takka amantaa tokkoon ibsamti. Kunis Waaqayyo tokko waaqeffachuu, cuuphaa takkaan cuuphamuu fi abdii tokkoof waamamuu dha. Kanaaf amantiinis ta’ee amantaan tokko qofa.

Kuni amantii dhugaa fi amantaa isa sirrii kan nuuf galee fi kan beeknu kan ilaallatuu dha. Amantaa isa sirrii ta’e kanaan ala garuu amantiiwwan garaa garaa akka turan fi fuuldurattis akka jiraatan yeroo duuka-bu’ootaa sana iyyuu kan barameedha, (1 Yoh 4:1-3)

Galatni Waaqayoof haa ta’u!

4 thoughts on “Amantii/Amantaa Takka

Leave a comment