Mana Kiristaanaa

“Beete Kiristiyaan” jechi jedhu jecha Afaan Gi’izii yoo ta’u, “beete” fi “kiristiyaan” jechoota jedhan irraa kan fudhatameedha. Kunis afaan Giriikiin jecha Aqleesiyaa (Ecclesia) jedhu waliin hiika walfakkaatu qaba. Jechi “Bet” jedhu gosa, hidda, sanyii, dhaloota, yaa’ii ykn waldaa jechuu akka ta’e Alaqaa Kidaaneweldi Kiflee kitaaba hiikaa jechootaa isaanii irratti caqasaniiru. (K.W.K fuula 268) Gosti Yaa’iqoob Mana Yaa’iqoob” ykn “beete Yaa’iqoob” (beete Israa’eel); Gosti Daawwit Mana Daawiit ykn “beete Daawwit” akka jedhamu iccitii hafuuraatiin Kiristoos irraa kan dhalatan Mana Kiristaanaa jedhamu. Mana Kiristoos (Gosa Kiristoos) ykn “Beete Kiristoos” akka jechuuti. Haa ta’u garuu bara keenya kana keessatti namoonni hojii fi maqaan garaagara ta’an fi karaa faallaa irra jiran osoo hin hafin maqaa kana itti waamamaa jiraachuu isaani ni hubanna. Barri keenya kun yeroo fakkeessitootni mana kiristaanaa isa dhugaa-qabeettii taate kana maqaa ishee fudhatanii ittiin waamamaniin weeraramte waan ta’eef ishee dhugaa adda baasanii beekun murteessadha. Barsiistonni hedduun jechi mana kiristaanaa jedhu kun hiika sadi qaba jedhaniit barsiisu. Hiika isaa gadi fageenyan kan laalef garuu wantoota afur ibsa.

Mana Kiristaanaa Jechuun Bultoo Kiristoos, Qaama/Jiruu Kiristaanotaa Jechuudha

“Mana” jechuun “bultoo” jechuu akkuma ta’e, mana kiristaanaa kan jedhus bultoo kiristoos jechuudha. Kiristaanni tokkoon tokkoon isaa bultoo Kiristoosi waan ta’eef mana kiristaanaa jedhama. Kunis bu’uraan jireenya kiristaanummaa kiristaana tokkoot mul’isa. Kanaafuu mana kiristaanaa yeroo jedhamu namoota amanan mul’isa. Kiristaanonni bultoo Kiristoosi waan ta’aniif. Kanaafuu mana kiristaanaa jechuun bultoo Kiristoos kan ta’an kiristaanota/qaama kiristaanotaa/ kan ilaallatudha.

Qulqulluun Phaawuloos “mana qulqullummaa Waaqayyoo akkuma taatan hafuurri Waaqayyoo akka isinirra jiraatu hin beektanii? Namuu mana qulqullummaa Waaqayyoo yoo diige Waaqayyoon immoo isa diiga. Manni qulqullummaa Waaqayyoo qulqulluudha waan ta’eef. Innis isini.” 1 Qor 3:16-17, Gal 1:13 akkasumas isin qonna Waaqayyooti; Isin gamoo  Waaqayyooti; Isa wajjin waliin hojjenna waan ta’eef. 1 Qor 3:9. Mul’ata Yohaannis irrattis, kunoo ala dhaabadhee balbala keessan nan rukuta; namuu sagaleekoo yoo dhagahe balbala isaas yoo naaf bane; gara isaa nan seena isa waliinis irbaata nan nyaadha innis ana waliin ni nyaata. Mul 3:20. Kunneen kan ibsan tokkoon tokkoon kiristaanotaa bultoo Kiristoos (mana kiristaanaa) ta’uu isaati.

Mana Kiristaanaa Jechuun Waldaa Kiristaanotaa, Tokkummaa Kiristaanotaa Jechuudha

Akka ibsa beektota mana kiristaanatti mana kiristaanaa jechuun “walitti dhufeenya Waaqayyoon uumamtoota waliin qabudha” jedhu. Kanarraa ka’uunis umrii mana kiristaanaa iddoo saditti qoodu: tokkoffaa mana kiristaanaa ishee duraa namni uumamuudhan dura addunyaa ergamootaa keessa kan turte tokkummaa ergamootati. Umriin mana kiristaanaa inni lammaffaan tokkummaa namoota gaggaarii Abeel irraa eegalee haga seensa kakuu haaraatti jiraniiti. Kan sadaffaa fi kan dhumaa garuu dhiiga Kiristoosiin kan hundeeffamte tokkummaa kiristaanotaati. Isheenis madda qulqullummaa fi kenna Waaqayyooti. Olitti kan kaafaman lamaan garuu fakkeenyummaa qofa qabu turan.” (Seenaa mana kiristaanaa waltajjii addunyaatti, fuula 12). Olitti akkuma ibsame manni kiristaanaa Kiristoos qabxiilee kanaa gadiitin manneen amantaa ishee fakkaatanii ishee marsairraa adda taati.

Mana ykn “Beete” jechuun gosa, waldaa hiika jedhu qabaata. Fakkeenyafa Mana Israa’eel ykn “beete Israa’eel”, Mana Yaaqoob ykn “beete Yaa’iqoob”, Mana Aaroon ykn “beete Aaroon” yeroo jedhu; gosa Israa’eel, gosa Yaa’iqoob, gosa Aaroon akka jechuuti. Mat 16÷18 18 ÷17, Hoj 18÷22 20÷28, Far 117:3. Bu’ura kanaanis mana kiristaanaa jechuun gosa kiristaanaa jechuudha. Kiristaana kan ta’e hundi (Yaa’ii tokkummaa warra amananii) maqaan ittiin waamamu mana kiristaanati. Kunis walitti qabamiinsaa qofa osoo hin ta’in jaalala, waldaa, walitti hidhamiinsa fi tokkummaa kan ilaallatudha. Manni kiristaanaa tokkummaa warra amananii abbummaa Kiristoosin qaama tokko ta’aniiti.

“Innis mataa qaama mana kiristaanaati …” Qol 1:18-24. “Manneen kiristaanaa hundatti iddoolee waan kana dhagahan hundattis sodaan ni ta’e” jedha. Hoj 5:11. Boqonnaa fi lakkoofsa kanaratti “manneen kiristaanaa” kan jedhaman waldaa warra amananiiti. Iddoo biraatti: “manneen kiristaanaa Yihudaa, Samaariyaa fi Galiilaatti argaman nagaadhan jiraatan, ummatichis jajjabina Afuura Qulqulluutiin ni baay’atan.” Kan jedhu jira. Hoj 9:31 Qiddaasee irrattis “Tselliyuu be inte selaame beete kiristiyaan ahaattii qiddisti gubaa’ee inte hawaariyaat (nagaa mana kiristaanaa, ishii takkittii yaa’ii duuka bu’ootaa kan taateef, kadhadhaa)” kan jedhu kan ilaallatu waldaa kiristaanotaati dha.

Mana Kiristaanaa Jechuun Iddoo Jireenya Kiristaanotaa, Mana Waaqayyoo Jechuudha.

Mana kiristaanaa jechuun iddoo jireenya kiristaanotaa, mana Waaqayyooti. Mana jechuun iddoo jireenya jechuu akkuma ta’e mana kiristaanaa jechuun mana/iddoo jiraanya kiristaanotaa mana Waaqayyoo jechuudha. Fakkeenyaf “beete-Liheem” ykn “mana hibisti” mana biddeenaa jechuu akkuma ta’e jechuudha. “Waaqayyoon waanan fedhu tokkon kadhadhe … Bara jireenya kootii hunda mana Waaqayyoo keessa jiraachuu … Waaqayyo kan gammachiisu akkan arguuf jecha … mana qulqullumaa isaa akkan ilaaluf jecha …” (Far 27:4) Mana kiristaanaa jechuun gamoo mana kiristaanaa kan waaqeffannaan  itti raawwatamu fi meeshaaleen qulqulummaa keessatti argaman, iccitiilee raawwatanii fi tajaajila kennamaa jiru hunda dabalateeti.

Asirratti gamoo mana kiristaanaa yeroo jennu tajaajilootas dabalatee kan ilaallatu ta’uun jala sararamuu qaba. Kunis iddoo kiristaanonni itti walitti qabamanii argaman, iddoo kiristaanonni walitti qabamanii itti kadhatan, foonifi dhiiga isaa itti fudhatan, iddoo itti jilbiiffatan, iddoo Waaqayyoo waliin itti walgahan mana kadhannaa jechuudha. Isa 56÷7, Eer 7÷10-11, Mat 21÷13, Mar 11÷17, Luq 19÷46. Iddoo biraatti “Ani garuu baayyina dhiifama keetiitiin gara mana keetii nan seena, si sodaachudhaan mana qulqullummaa keetiitti nan jilbiinfadha” akkuma jedhu. Far 5:7. Akkasumas “Ammas kadhannaa iddoo kanatti kadhatamuuf ijji koo ni banamu, gurri koos ni dhaggeeffatu. Ammas maqaan koo bara baraan achi akka jiraatuuf mana kana filadheera, eebbiseera, ijji koo fi onneen koo yeroo mara achi ni ta’a” jedheera. 2 Sen 7:15, (Isa 56:7, Eer 6:10-16, Mat 21:13, Mar 11:17, Luq 19:46) Gooftanis “Manni koo mana kadhannaa jedhamti” jechuun barbaachisummaa mana qulqullummaa nutti himeera. Gara mana qulqullummaa Kiristoos “Mana koo” jedheen sana deemnee har’as ni waaqeffanna. Asirratti “mana koo” jechuun isaa abbummaan kan isaa ta’uu mirkaneessa. Duuka bu’oonnis guyyuma guyyaadhan gara mana qulqullummaa deemaa akka turan macaafni ni dubbata (Hoj 3:1), mana kadhannaati waan taatef.

Mana Kiristaanaa Jechuun Dhaabbata Hafuurawaa Caasaa Fi Hojmaata Qabu Jechuudha.

Mana kiristaanaa jechi jedhu “qaama dhaabbatummaa” mana kiristaanaa kan mul’isudha. Kunis kanaa olitti kan caqafaman kana hunda ka hammatu yoo ta’u, caasaa walii galaa fi hojimaata hafuurawaa dhaabbatichaat mul’isa. Fakkeenyaf, “Mana Kiristaana Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa” yookan “Mana Kooptikii Ortodoksii Misir” yeroo jedhamu mana kiristaanaa walii galatti jiru akka dhaabbataatti kan ibsudha. Kunis Paatriyaarikii irraa haga tokkoon tokkoon kiristaanotaatti, mana lubummaa haga tokkoon tokkoon mana kiristaanaatti, qulqulluu siinoodoosii haga bulchiinsa yaa’ii afuurawaa lallabaatti kan jiru kan hammatudha. Hiikkaa kanaan mana kiristaanaa dur irraa kaastee turte, ammas kan jirtu, gara fuulduraattis kan jiraattu kan ibsu ta’uu hubanna. (Mat 16:18, Efe 5:23-27).

Namoonni tokko tokko “mana kiristaanaa” jechi jedhu “gamoo fi dhaabbaticha” hin ilaallatu jedhu. Namoonni kunniin mana kiristaanaa jechuun tokkoon tokkoon kiristaanaa fi waldaa kiristaanotaa ta’uu isaa garuu ni fudhatu. Macaafni qulqulluun garuu kan nutti agarsiisu hiikaa arfanuudha. Asirratti wanti hubachuu qabnu tokko ni jira. Tokkoon tokkoon namaa kiristaanummaa akka fudhatuu fi of eegees akka jiraatu taasisuuf (mana kiristaanaa akka ta’u) yoo xiqqaate hojimaatni fi gurmaa’insi hafuurawaa wayii ni barbaachisa. Kiristaanonnis waldaa tokkuummaatti akka wal gahaniif iddoo fi hogganaa akkasumas barsiisota jecha Waaqayyoo barsiisan ni barbaachisa. Barsiisonni kunneenis iddoo itti baratan/leenji’an manni barumsaa ni barbaachisa. Kanaafuu nuti mana kiristaanaa jechi jedhu gomoo fi dhaabbaticha hammata yeroo jennu dhugaa macaafonni ibsan, iccitii luboonni barsiisan bubachuudhanii fi hiikaa lamaan biroo hafan waliin kan adda hin bane waan ta’eefi.

Fakkeenya biraatiin, “maatii” jechuun namoota mana tokkoo, abbaa warraa tokkoon kan bulanii fi mana tokko keessa kan jiraatan jechuudha. Maatii tokko keessa tokkoon tokkoon miseensa maatii, tokkummaa miseensotaa mana keessa jiraatanii fi bulchaa/dursaan maatichaa (maatin dhaabbata waan ta’eef) ni jiru. Mana kiristaanaa jechuunis akkasuma. Mana kiristaanaa ishee jalqabaa kan taate mana haadha Maarqoostti hiikkaan mana kiristaanaa arfanuu ibsameera. Tokkoon tokkoon duuka bu’ootaa, tokkummaan duuka bu’ootaa, manni itti walitti qabamanii fi addunyaa biraa irraa adda baafamanii Kiristaanota jedhamuun isaanii hiikaa arfan hubachiisa.

Leave a comment