Armaan gaditti Kadhannaa Yeroo Hundaa, Galata Maariyaam guyyaa guyyaa, Baha Ifaa fi Galata Ergamootaa Afaan Oromootiin dhiyaataniiru. Kadhannaa fi galata banuuf link armaan gadii cuqaasaa. Cufuu barbaaddan immoo, irra deebi’uun cuqaasuun ni cufa. [Below are the Introductory Prayers, the daily Theotokia, The Gate of Light, and The Angels Praise Her. Click on the links below to open the prayers and praises, and click again to collapse.]
Afaan Oromo (In Afaan Oromo language)
Kadhannaa Yeroo Hundaa
Mallattoo Fannoo Gooftaa Koo Iyyesuus Kiristoosin qaama koo hundumaa yeroo sadi nan mallatteessa.
Waaqayyo tokko kan ta’an maqaa Abbaa, kan Ilmaa, kan Afuura Qulqulluu, qulqulluu fi ulfaatoo kan ta’an Sadummaatti (Sillaaseetti) amanuu fi kadhachuun diina koo Seexana nan gana, haadha koo Mana Kiristiyaanaa kana fuuldura dhaabadheen sigana. Kanaafis ragaan koo Maariyaamii dha, Addunyaa kanattis Addunyaa isa dhufuttis Ishee dawwoo taasisee yaa diina koo Seexanaa sin gana.
Yaa Gooftaa si galateeffanna, yaa Gooftaa si kabajna, yaa Gooftaa siif bitamna, yaa Gooftaa maqaa kee qulqulluu ni galateeffanna. Jilbi hundumtuu kan siif sagadu siif sagadna; arrabni hundumtuu siif bitama. Waaqni waaqotaa, Gooftaan gooftotaa, Mootiin moototaa si’iidha. Uumaan foonii fi lubbuu siidha. Isinis yeroo kadhattan akkas jedha kadhadhaa jedhee qulqulluu Ilmi kee akkuma nu barsiisetti si waammana.
Yaa Abbaa keenya, samiirra kan jiraattu, maqaan kee haa ulfaatu. Mootummaan kee haa dhufu, jaalalli kee samiirratti akkuma ta’e akkasumas lafarratti haa ta’u. Kan nu ga’u nyaata keenya hara’aaf ga’u nuuf kenni, yakka keenyas nuuf dhiisi, nutis kan nu yakkaniif akkuma dhiisnuuf, qorumsatti nu hin galchin; hamaarraa nu oolchi malee, Mootummaan kan keetihoo humnis galannis bara-baraan, Ameen!
Nagaa Ergamaa Gabri’eel qulqulluutiin, Yaa Giiftii keenya qulqulleettii dubroo Maariyaam nagaa siin jenna. Yaada keetiin Dubroodha, foon keetiinis Dubroodha. Yaa hadha Waaqayyoo isa moo’aa siif galanni haa ta’u. Ati dubartoota keessaa kan eebbifamteedha firiin gadameessa keetiis kan eebbifameedha. Kennaan kan guutamte, gammadi! Waaqayyo siwajjin jirahoo, Gooftaa keenya, fayyisaa keenya, Iyyesuus Kiristoos irraa dhiifama fi araara nuuf kadhadhu, cubbuu keenya akka nuuf dhiisuuf. Hangaa bara-baraatti, Ameen!
Hundee Amantaa. Hundumaa kan uume Waaqayyo tokko kan ta’u Waaqayyo Abbaatti ni amanna. Samii fi lafa kan uume. Addunyaa mullatu kanaa fi kan hin mul’anne osoo hin uumamin, Isa wajjin kan ture Ilma Abbaa kan ta’e Waaqayyo tokko, Iyyesuus Kiristoositti ni amanna; Ifa Ifarraa argame, Waaqayyo Waaqayyo dhugaarraa argame, kan dhalate malee kan hin uumamne, amalummaa Isaatin Abbaa wajjin kan walqixxaatu, hundumtuu kan isaan ta’e, samiirras lafarras kan jiru isaatiin malee homtuu kan ta’e hin jiru. Nufayyisuuf samiirraa gadi bu’e, hojii Afuura Qulqulluutiin qulqulleettii dubroo Maariyaamirraa nama ta’e. Nuuf jedhee fannifame, bara Philaaxoos Pheenxichaattis rakkina arge, du’ee awwaalame, guyyaa sadaffaattis du’a mo’ee ka’e; akkuma ktaabolii qulqullaa’ootti barreeffame, ulfinaa fi galataan gara samiitti ol ba’e, mirga Abbaasaas taa’e; lammaffaas warra du’ani fi jiraattota irratti urteessuuf galataan ni dhufa. Mootummaansaas dhuma hin qabu. Afuura Qulqulluuttis ni amanna, Innis Gooftaa jireenya nuuf kennuudha, Abbaarraa kan ba’e, Abbaa fi Ilma wajjin tokkummaatti ni sagadnaaf, ni galateeffannaan. Innis, Raajotarra bulee kan dubateedha. Hundumaan ol kan taate Duuka Bu’oonni kan walitti qaban (hundessaan) ulfaattuu Mana Kiristaanaa tokkittiitti ni amanna. Cubbuun kan ittiin haqamu Cuuphaa tokkittiitis ni amanna; Warri du’aan booda akka ka’an ni abdannaa, jireenya isa dhufuuf hangaa bara-baraatti, Ameen.
Yaa Waaqayyo mooticha, Qulqullu Qulqulluu Qulqulluu jedhamtee ni galateeffamta. Galanni kees samii fi lafarratti kan guutedha. Yaa Kiristoos siif sagadna, arjaa kan ta’e Abbaa kee isa samii wajjin, fayyisaa kan ta’e afuura Qulqulluu wajjin, siif sagadna. Gara Addunyaa kanaatti dhuftee nu fayyisteettahoo.
Abbaaf, Ilmaaf, Afuura Qulqulluuf sagada tokkittii nan sagada (3x). Tokko yommuu ta’an sadi, sadi yemmuu ta’an tokko, qaamaan sadi yemmuu ta’an waaqummaadhaan tokko kan ta’aniif nan sagada. Giiftii keenya Dubroo Maariyaamiif nan sagada.Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos kan irratti fannifame fannoosaaf nan sagada. Fannoonsaa humnaa keenya, humni keenya fannoosaatti, kan nuu jabeessu fannoosaati, fannoonsaa furaa keenyadha. Fannoonsaa fayyisaa lubbuu keenyaatti, warri Yihudotaa ni ganu nuti garuu itti amanna, warri itti amannus fannichaan ni faayyina, fayyineerras!
Abbaaf galanni haa ta’u, Ilmaaf galanni haa ta’u, Afuura Qulqulluufis galanni haa ta’u (3x). (Dhugaadhaa Abbaaf, Ilmaaf, Afuura Qulqulluuf galanni haa ta’u.(3x)) Waaqayyoon kan deesse Giiftii keenya dubroo Maariyaamiif galanni haa ta’u. (Dhugaadha Waaqayyoon kan deesse Giiftii keenya dubroo Maariyaamif galanni haa ta’u.) Fannoo Gooftaa Keenya Iyyesuus Kiristoosiifis galanni haa ta’u. (Dhugaadha Fannoo Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoosifgalanni haa ta’u.) Kiristoos dhifaamasaatiin akka nu yaadatuuf (Ameen), Dhufaatiisaa isa lammaffaattis akka nu hin qaanessineef (Ameen), Maqaasaa galateffachuuf akka nu dammaqsuuf (Ameen), Isa Waaqeffachuuttis akka nu cimsuuf (Ameen), Yaa Giiftii keenya kadhannaa keenya ol nuuf baasi(Ameen), Cubbuu keenyas nuuf dhiisisi (Ameen), Tessoo Gooftaa keenyaa fuula durattis kadhannaa keenya nuuf dhiyeessi (Ameen), Nyaata kana kan nu nyaachise (Arjumman isaa bara-baraanihoo), Xoofoo kanas kan nuu obaase (Arjumman isaa bara-baraanihoo), Nyaata fi uffata keenya kan nuuf qopheesse (Arjumman isaa bara-baraanihoo), Cubbuu keenya hundummaas kan nuuf obse (Arjumman isaa bara-baraanihoo), ulfaataa dhiigasaa, qulqulluu foonsaa kan nuuf kenne (Arjumman isaa bara-baraanihoo), hangaa yeroo kanaattinis kan nu ga’e, Waaqayyoo aanga’aaf galanni haa ta’u, Kan Isa deesse Dubroo Maariyaamiif galanin haa ta’u. Kabajamaa Fannoo Gooftaa keenyaaf galanin haa ta’u. Maqaan Waaqayyo akka galatoomuuf yeroo hundumaa hangaa bara-baraatti galanni haa ta’uuf.
Yaa Giiftii keenya Maariyaam, nagaan siif haa ta’u jechaa siif sagadna, bineensa hamaarraa akka nu oolchituuf si kadhanna, deessuu haadha kee Haannaaf jedhii, abbaa kee Iyyaaqeemiif jedhii waldaa keenya har’a nuuf eebbisi.
Kadhannaa Giiftii Keenya Maariyaamii (Luq. 1:46-55). Maariyaamis jette, “lubbuun koo Waaqayyoon guddaa ni galateeffatti, afuurri koos Waaqayyo fayyisaa kootti ni gammaddi. Salphina garbittiisaa argeerahoo. Kunoo har’aa jalqabee dhaloonni hundumtuu na galateeffatu. Inni hojii guddaa naaf taasiserahoo. Maqaansaa qulqulluudha. Dhiifamnisaas warra isa sodaatanirratti dhalootaa hangaa dhalotaatti. Humnaas irreesaati murteesse. Akka yaada garaasaanitti warra oftuulan isaan bittineesse. Warra jabootas tessoosaaniirraa isaan salphise. Warra salphataniifis kabaja kenne, warra beela’anis arjummasaatiin quubse. Sooreesotas harka qulla hambise. Dhifamasaa akka yaadatuuf Israa’eel garbichasaa simate. Abbootti keenya Abrihaamii fi sanyiisaaf akkuma dubbate, hangaa bara-baraatti, Ameen!
Galata Maariyaam Kan Wiixataa
Eefreem qulqulluun kan barreesse guyyaa Wiixataa kan kadhatamu Gooftaa keenya kan deesse galata Dubroo Maariyaam
1. Gooftaan, kan lapheensaa gadde Addaamiin bilisa baasuu fi iddoosaa duraatti deebisuuf jaallate. Yaa qulqulleettii nuuf kadhadhu.
2. Dubroo Maariyaam irraa sanyii dhiiraa malee fooniin dhalatee nu fayyise. kan Seexanni dogogorse Hewaaniin “ciniinsuu kee nan sitti baay’isa” jedhee Waaqayyo itti murteesse. Nama jaallachuusaatiin garuu bilisa ishee baase. Yaa qulqulleettii nuuf kadhadhu.
3. Nama kan ta’ee fi Jechi nurra bule, Iyyesuus Kiristoosi dha. Kabajasaa isa Abbaa isaaf tokko ta’e ni argine. Cubbuu keenya nuu dhiisuuf jaallate. Yaa qulqulleettii nuuf kadhadhu.
4. Raajichi Isaayyaas, Afuura Qulqulluutiin iccitii Amaanu’eel arge. Kanaafis, “Mucaan nuuf dhalate, Ilmis nuuf kenname” jedhee dhageessisee dubbate. Yaa qulqulleettii nuuf kadhadhu.
5. Waaqayyo addunyaa kana waan jaallateef yaa namaa gammadi; Ilmasaa tokkichatti kan amanan hundumtuu hanga bara baraatii akka fayyaniif isa dabarsee nuuf kenneera Waaqayyoos irreesaa nuuf erge. Yaa qulqulleettii nuuf kadhadhu.
6. Kan duraan jiru, ammas kan jiraatu, kan dhufe lammaffaas kan dhufu Jechi, Iyyesuus Kiristoos, otoo hin jijjiiramin gonka nama ta’e. Ilmi tokkichi hojiisaa hundumaatiin addaan hin baane, Waaqummaan Jecha Waaqayyoo tokkodha malee. Yaa qulqulleettii nuuf kadhadhu.
7. Yaa Beetaliheem biyya Raajotaa gammadi , Addaam inni lammaffaan, Kiristoos, si keessatti dhalateerahoo; nama isa duraa Addaamiin si’oolii gara gannataatti deebisuuf, “yaa Addaam lafa turte gara lafaattis ni deebita” jedhee murtii du’aa itti murteesse irraa kaasuuf dhalate. Iddoo cubbuun baay’ee jirtutti kennaan Waaqayyoo in baay’atti. Yaa qulqulleettii nuuf kadhadhu.
8. Dhaqni namoota hundumtuu ni gamaddi “samiirratti Waaqayyoof galanni haa ta’u, lafarratiis nagaan dhala namaafis haa ta’u hanga inni eeyyameetti” jedhanii Ergamoota samii wajjin ni galateeffatuun. Abaarsa duraan ture balleessera, gorsa diinaas jalaa diige, Addaamii fi Hewaaniif xalayaa du’aa tarsaaseef. Biyya Daawititti kan dhalate fayyisaan keenya Iyyesuus Kiristoos Addaamii fi Hewaniin bilisa baase. Yaa qulqulleettii nuuf kadhadhu.
9. Namoota addunyaa kanarra jiraatan hundumaaf kan ibsitu ibsaan dhugaa, jaalala namaaf jettee gara addunyaa kanaatti kan dhufte, uumamni hundumtuu dhufaatii keetti ni gammadu. Addaamiin dogogorarraa deebisteenii, Hewaaniinis hidhaa du’aa jalaa baasteenii, Afuura ittiin dhalannu nuuf kennite. Ergamoota wajjin si galateeffanna. Yaa qulqulleettii nuuf kadhadhu.
Galata Maariyaam Kan Kibxataa
Kibxata kan kadhatamu Gooftaa keenya kan Deesse galata Giiftii keenya Dubroo Maariyaam
1. Goonfoon ittiin boonnu, jalqabni fayyina keenya, hundeen qulqullina keenyaa, nuu fayyisuuf nama kan ta’e Jecha Waaqayyoo kan nuu deesse Maariyaamiin argame. Erga nama ta’een boodas Waaqayyo dhugaadha, kanaafis durbummaadhaan deesseen. Dandeettiin dahumsashee dinqii ta’e, kan hin qoratamne, dubbatamuuf kan hin danda’amnedha. Yaa qulqulleettii nuuf kadhadhu.
2. Fedhii Isaatiin, fedhii Abbaasaatiin, fedhii Afuura Qulqulluutiin dhufee nu fayyise. Durbummaadhaan cimtee kan jiraatte yaa Maariyaam, ulfinnii fi galanni durbummaa keetii olaanaadha. Waaqayyo waan si wajjin ta’eef ulfina argatteetta. Samiitii hanga lafaa geesse Ergamoonni Waaqayyoo yommuu irraan ol ba’ani fi gadi bu’an riqaan Yaa’iqoob arge siidha. Yaa qulqulleettii nuuf kadhadhu.
3. Biqiltuu ibiddaan osoo hin gubatin Muuseen arge siidha. Kunis, dhufee garaa kee keessa kan bule Ilma Waaqayyoodha. Ibiddi Waaqummaasaa foon kee hin gubne.
Yaa qulqulleettii nuuf kadhadhu.
4. Lafti qonnaa sanyiin itti hin facaane sidha; firiin jireenyaa si keessaa ba’e. Saanduqni Yooseef oolchatee fi Warqee (Inquu) ulfaataa kan keessaa argate sidha. Kunis qorichaa keenya Iyyesuus Kiristoosidha, addunyaa kana keessattis Isa deesse. Yaa qulqulleettii nuuf kadhadhu.
5. Gammachuu Ergamootaa kan ta’e Gooftaa kan deesse gammadi, oduu haaraa raajotaa yaa qulqulleettii gammadi, Waaqayyo waan si wajjin jiruuf ulfina argatteetahoo, gammadi. Addunyaa fi namoota hundaaf gammachuu kan ta’e jecha Ergamichaa fudhatteettahoo gammadi, Addunyaa hundumaa kan uume Gooftaa kan deesse gammadi. Yaa qulqulleettii nuuf kadhadhu.
6. Dhugumaan haadha Waaqayyoo waan jedhamteef gammadi, yaa fayyistuu Hewaan gammadi. Uumamtootasaa hundumaa kan jiraachisu harma kee waan isa hoosisteef gammadi. Haadha jiraattotaa fi dhugoomtota hundumaa yaa qulqulleetti gammadi. Akka nuu kadhattuuf ija keenya gara keetti ol-kaasna.
Yaa qulqulleettii nuuf kadhadhu.
7. Yaa dubroo, yaa qulqulleettii kan Gooftaa deesse nu fayyisuuf iccitiin dinqii siin kan raawwatame mootii nuu deessetta. Uumamtoota bifa adda addaatiin kan uume, waa’ee Waaqummaasaa dubbachuun nuuf waan hin danda’amneef haa callisnu.
Yaa qulqulleettii nuuf kadhadhu.
8. Gara tulluu siinaatti kan ba’e abboommii (seera) Muuseef kan kenne, fiixe tullicha hurii, aara, dukkanaa fi qilleensaan kan uffise; warra sodaatanii dhabatanis sagalee faaggaatiin kan dheekkame qaama Jecha Abbaati. Yaa qulqulleettii nuuf kadhadhu.
9. Yaa tulluu gad-of qabinsaan dubbatte, kunis gara keetti kan bu’edha. Nama kan jaallate inni jijjiirama malee sirraa nama ta’e. Foon akkuma keenya dubbatuun dhuguma nama ta’e. Waaqayyo Afuura Qulqulluudhaan garaa kee keessa bulee dhugumaan nama ta’e. Addaamiin fayyisuuf cubbuusaas dhiisuf, samiirra isa jiraachisuuf, baay’ina dhiifamaa fi arjummasaatiin iddoosaa duraatti isa deebisuuf dhalate. Yaa qulqulleettii nuuf kadhadhu.
10. Olaantummaa dubroo Maariyaam dubbachuuf namaaf hin danda’amu. Gooftaan ishee filateerahoo, Ifa itti dhiyaachuu hin danda’amne keessa kan jiraatu, inni dhufee ishee keessa bule; ji’a sagal garaashee keessa bule. Kan hin mul’annee fi hin qoratamne durbummaadhaan Isa deesse. Yaa qulqulleettii nuuf kadhadhu.
11. Raajichi Daani’eel kan arge, dhagichi tulluu dheeraarraa harka namaa malee ofiisaatiin kan buqa’e; Jecha isa Abbaa irratii ba’eedha; dhufees sanyii dhiiraa malee Dubroo irraa dhalatee nu fayyise. Yaa qulqulleettii nuuf kadhadhu.
12. Akka fiixee (qarqara) qulqulluu taate, hundeen amantaa siidha, qajeeltuu kan taate amantaan abbootii keenyaa qulqullootaa siidha. Waaqayyoon kan deesse fi dubrummaadhaan kan jiraattu yaa qulqulleettii Jecha Abbaa nuuf deesse. Iyyesuus Kiristoos nu fayyisuuf dhufe. Yaa qulqulleettii nuuf kadhadhu.
13. Yaa ulfaattuu Gooftaa deesse, Jecha hin mul’anne kan baatte haati ifichaa sidha. Erga isa deessee boodas durbummaadhaan jiraatteetta’oo. Galata guddaadhaan si galateffatu. Yaa qulqulleettii nuuf kadhadhu.
14. Jecha Abbaaf haadha kan taate yaa qulqulleetti dubroo Maariyaam, dubbii waa’ee keef dubbatamu dubbachuu kan danda’u arraba kamiidha? Teessoo Mootii Kirubeel baatan taate. Yaa ulfaattuu si galateeffanna, yaa haadha Gooftaa keenyaa Iyyesuus Kiristoos gugee gaarii, maqaa kee dhalootaa dhaloootatti ni waamna. Yaa qulqulleettii nuuf kadhadhu.
15. Yaa Maariyaam haadhaa fi tajaajiltuu Waaqayyoo kan taate gammadi. Isa ati haammatte Ergamoonni ni galateeffatu. Kirubeelis sodaadhaan isaaf sagadu, Suraafeelis utuu walirraa hin kutin baallii isaanii diriirsanii “Mootiin galateeffatamu isa kana baayina dhifamasaatiin cubbuu addunyaa balleessuuf kan dhufe isa kanadha” jedhu. Yaa qulqulleettii nuuf kadhadhu.
Galata Maariyaam Kan Roobii
Roobii kan kadhatamu Gooftaa keenya kan Deesse galata Giiftii keenya Dubroo Maariyaam
1. Lafa lammaffaa kan taate yaa samii; Ergamoonni Samii “kan eebbifamte” siin jedhu; Dubroon Maariiyaam balbala baha biiftuutii. Misirroon ishee qulqulluu kan tahe mana cidhaa qulqulleettiidha. Abbaan samiirra ilaalee kan akka keetii hin argannee, kanaafis Ilmasaa tokkicha garakeetti ergee, sirraa nama ta’e. Yaa qulqulleettii nuuf kadhadhu.
2. Waaqayyoon kan deesse yaa Giiftii keenyaa dhaloonni hundumtuu siin galateeffatu. Yaa magaalaa Waaqayyoo raajonni dubbii dinqii ta’e kan siif dubbatan, mana bultii qulqullootaa taateetta. Mootonni lafaa hundumtuu ifa keetiin deemuu. Uummatni (raayyaan isaanii) ifa keetiin deemu.Yaa Maariyaam dhalloonni hundumtuu si galateeffatu. Isa sirraa dhalateefis ni sagaduu, ni galateeffatuun. Yaa qulqulleettii nuuf kadhadhu.
3. Biishaan bokkaa kan sirraa argame duumessi dhugaa siidha. Abbaan mallattoo Ilmasaa si taasise; Afuurri Qulqulluun sirra bule, humni Waaqayyoos si golge. Yaa Maariyaam bara baraan kan jiraatu Jecha Abbaa kan ta’ee Ilma nuuf deesse, dhufees cubbuurraa nufayyise. Gammachuudhaan missiraachoo kan himtee yaa ergamaaa Gabri’eel, ulfinni siif kenname guddaadha, gara keenyatti kan dhufe Dhaloota Gooftaa nutti himte; Dubroo Maariyaamiinis “kennaan kan guutamte Waaqayyoo si wajjin waan jiruuf gammadi” jettee missiraachoo itti himte. Yaa qulqulleettii nuuf kadhadhu.
4. Ayyaanaan (Kennaan) guutamte, Afuurri Qulqulluun sirra bule; humni Waaqayyoos si golge, yaa Maariyaam dhugumatti Qulqullicha deesse, addunyaa hundumaa kan fayyisuu, dhufee nu fayyise. Yaa qulqulleettii nuuf kadhadhu.
5. Arraabni keenya hojii Dubroo ni galateeffata. Gooftaa fi fayyisaan keenya Iyyesuus Kiristoos, magaalaa Daawwitiitti isheerraa waan dhalateef, Yaa namootaa kottaa Waaqayyo kan deesse Maariyaamiin har’a haa galateeffannu. Haadhaa fi Dubroo lamaanuu taateettihoo. Mudaa kan hin qabnee fi jechi Abbaa dhufee sirraa nama kan ta’e yaa qulqulleettii dubroo gaammadii, qaaniin kan sitti hin jirre qulqulluu fi xuuraa’inni kan sirra hin jirree, yaa mudaayii qulqulluu gammadii. Nama isa duuraa Addaamiif jecha, Addaam lammaffaa kan ta’e Kiristoosiif mana bultoosaa kan taate, yaa gannata dubbattuu gaammadii. Abbaasaa wajjin kan jiraatu, tokkicha isaa kan baaatte gaammadi. Ulfinaan kan faayame Inni dhufee sirraa nama kan ta’e, yaa qulqulleettii mana cidhaa gaammadi. Ibiddii Waaqummaa kan si hin gubne yaa lalistuu Phaaxoos gammadi. Ibidda Waaqummaa Kiruubel irra taa’u, fooniin kan baatte, tajaajiltuu fi haadha, dubroo fi samii gammadi. Kanaafuu Ergamoota Qulqullaa’oo kan ta’an wajjin gammachuu guuddaatiin gammannee haa galateeffannuu. Samiirrattiis Waaqayyoof galanni haa ta’u, lafarrattis araarri haa ta’u haa jennu, ulfina fi galata gooftummaas kan qabu inni waan si jaallateef.Yaa qulqulleettii nuuf kadhadhu.
6. Ulfina Qulqullootaarra ulfina Maariyaamiitu caala. Jecha Abbaa simachuuf qophooftee waan argamteef. Ergamoonni kan sodaatan tattaafattoonni isaa samiirratti kan galateeffatan Dubroon Maariiyaam garaasheetti baattee. Isheen Kiruubeliin ni caalti, Suraafeeliinis ni caalti, qaama sadan keessaa isa tokkoof mana bultii waan taateef. Biyyi Raajotaa Iyyaruusaaleem ishee kana. Qulqulloota hundumaaf mana bultii gammachuu isaaniiti. Uummatta gaaddidduu dukkanaa fi du’aa jala jiraataniif ifni guddaan ni baheef. Qulqullootarra bulee kan jiraatuu Waaqayyo nu fayyisuuf Dubroo adda taaterraa nama ta’e. Kottaa dinqii (raajii) kana ilaalaa. Iccitii nuuf mul’ateefis galata galchaa; nama ta’uu kan hin malle nama ta’eeraatii; Jechis foon uffateera. Foon durdurummaa hin qabne kan durii fi dursaa ta’e; Waaqummaan barri hin lakka’amneef baratu lakka’ameef. Kan hin beekamne ifa ba’ee. Dhugumatti Ilmi Waaqayyoo nama ta’e. Duraan kan ture har’as kan jiru, yoomiyyuu kan jiratu Iyyesuus Kiristoos akka isaaf sagannuu fi galateeffannuuf inni Waaqayyo tokkodha. Yaa qulqulleettii nuuf kadhadhu.
7. Raajichi Hizqi’eel waa’ee ishee akkana jedhe raggaasise, “Balbala dinqii kan ta’e, cufa jabaadhaan kan cufame gara bahaan nan arge” jedhe, “Gooftaa jabaa malee garasheetti galee kan bahe hin jiru.” Yaa qulqulleettii nuuf kadhadhu.
8. Karris balballis fayyisaa keenya kan deesse Dubroodha. Ergaa is deessen boodas akkuma duraanii durbummaadhaan waan jiraatteef. Harka diina keenya kan dhiifama hin qabnee jalaa dhufee kan nu baase Gooftaa keenya kan nuuf deesse yaa Dubroo firiin gadaamessa keetii kan eebbifamedha. Atis kan eebbifamteedha; Waaqayyo dhugaa ulfaataa kan ta’e biratti ulfina waan argatteef, biyya lafaa kanarra kan jiraatan hundumaa caalaa ulfinnii fi galanni siif ni ta’a. Jechi Abbaa dhufee sirraa nama ta’e. Nama wajjiin ni deddeebi’e. Innis Gooftaa dhiifama namaaf taasisuuf nama kan jaalalatu waan ta’eef dhufaatii addaa ta’een dhufee nu fayyise. Yaa qulqulleettii nuuf kadhadhu.
Galata Maariyaam Kan Kamisaa
Kamisa kan kadhatamu Gooftaa keenya kan Deesse galata Giiftii keenya Dubroo Maariyaam
1. Mudaa kan hin qabne durboo Maariyaam lalistuu Museen gammoojjii keessatti utuu hin gubatin arge fakkaatti. Jechi Abbaa isheerra nama ta’e. Ibiddi waaqummaas ishee hin gubne. Erga isa deesseen boodas dubrummaan ishee hin jijjiiramne. Innis nama ta’uusaatiin Waaqummaan isaa hin hafne. Dhugumatti Waaqayyoodha, dhugumatti Waaqayyo kan ta’e inni dhufee nu fayyise. Yaa qulqulleettii nuuf kadhadhu.
2. Waaqayyoon kan deesse yaa giiftii keenyaa, hundumti keenya si galateeffanna, dhiifamni kee hundaa keenyaaf akka ta’uuf. Hewaan muka nyaattee yakkaa hojjetteen abaarsi duraa namummaa keenyarra bulee kan ture isheetiin nurraa hafe, Waaqayyo kan deessee dubroo Maariyaam abdii hundaa keenyaati. Sababa Hewaaniin balballi Gennataa cufame. Lamaffaas sababa giiftii keenyaa dubroo Maariyaamiin nuuf baname. Kunis jaalala keenyaaf jedhee kan dhufee nu fayyise ulfaata foon fi dhiigaa Kiristoosidha. Icciitii dinqii waa’ee ishee kana dubbachuu fi beekuu kan danda’uu laphee isa kami? Dhaga’uu kan danda’u gurra isa kami? Nama kan jaallatu Waaqayyo tokko kan ta’u, Waaqummaan isaa utuu hin jijjiiramin addunyaa kana dura kan ture abbaa biraa jechi dhufee haadha isaa adda kan taate irraa nama ta’e. Erga isa deesseen boodas dubrummaan ishee hin jijjiiramne. Kanaafuu deessuu Waaqayyoo ta’uun ishee beekame. Waaqayyo bal’inni ogummaasaa hammam nama haa dinqu? Gadameessi dhiphina fi ciniinsuudhaan aka deessu itti murtaa’ee ture madda jireenyaa taate. Abaarsa namummaa keenyarraa kan balleessu sanyii dhiira malee nuuf deesse. Kanaafuu “Nama kan jaallatu, ulfinni siif haa ta’u, arjaa fi fayyisaan dhaqna keenyaa siidha” jenne haa galateffannuun. Yaa qulqulleettii nuuf kadhadhu.
3. Sanyii dhiira malee waaqayyoon kan deesse hojiin gadaamessa dubroo akkam nama haa dinqu? Ergamichi Yoseefitti mul’ate “Afuura qulqulluudhaan isheerra kan dhalatu utuu hin jijjiiramin nama kan ta’u Jecha Waaqayyodha” jedhee dhugaa ba’eera. Maariyaaminis gammachuu guddaa kan caalu Isa deesse. Ergamichi dabale “Ilma ni deessa maqaasaas Amaanu’eel jedhama jedheen, hiikni isaas “Waaqayyoon nu wajjin ta’e” jechuudha. Lamaffaas lammiisaa cubbuurraa kan fayyisu Iyyesuus jedhama. Humna isaatiin akka nu fayyisuuf cubbuu keenyas akka nuuf dhiisuuf bara baraan galanni isaaf haa ta’utii nama kan ta’e Inni Waaqayyoo ta’uusaa sirritti isa beekneera. Adda kan taate dubroo Maariyaam irraa dhalachuun Gooftaa hammam nama haadinqu? Jecha kan murteessite isheedha. Dhalachuu isaas sanyiin hindursine. Dhalachuusaattinis durbummaan ishee hin jijjjiramne. Jechi dadhabbii malee Abbaa irraa bahe, dubroo irraas dhukkubbii malee dhalate. Namoonni Ogummaa isaaf sagadan. Waaqayyo waan ta’eef ixaana fidaaniif, mootii waan ta’eef warqee fidaaniif, du’a nuuf jedhee fedhiisaatin fudhateefis qumbii fidaniif. Arjaa fi nama kan jaalatu Isa tokko qofadha. Yaa qulqulleettii nuuf kadhadhu.
4. Cinaacha Addaam keessa lafee tokko fudhachuun akkam nama haadinqu? Isaarras dubartii uume, uumama nama hundumaas uume. Jechi abaaa, Gooftaan ni kenname. Dubroo adda taateerra dhalatee Amaanu’eel jedhame. Kanaafuu, Ilmashee jaallatamaa waliin akka nuu araarsituuf yeroo hundumaa ishee haa kadhannu. Isheen Qulqulloota fi Phaphaasota hundumaa biratti arjaadha, kan isaan tajaajilan deessettifihoo, Raajootafis kan isaaf raajii dubbatan deessettifihoo, duuka bu’ootafis maqaasaatiin hanga handara addunyaatti kan barsiisaniif deessettifihoo, Wareegamtoonnifi amantoonni kan isaaf qabsuura’an, baay’inni kennaa ogummaasaa kan hin beekamne, Iyyaasuus Kiristoos isheerraa dhalateehoo, baay’ina dhiifamasaa qorannee haa barru, dhufee nu fayyiseerrahoo. Yaa qulqulleettii nuuf kadhadhu.
5. Waaqayyo Dawwitiif “Sanyii kee keessa teessoo mootummaa keerraa naan kaa’a” jedhee dhugumatti ni kakate, ittis hin gabbu. Qulqulluun Dawwit Kiristoos fooniin isarraa akka dhalatu yeroo amaneetti, bultoo Jechaa Waaqayyoo barbaadee argachuuf jaallate, kanas tattaaffii cimaadhan raawwate, kana boodas “kunoo Eefraataatti isaa dhageenye” jedhee Afuura Qulqulluudhaan dhageessisee dubbate. Isheenis Amanu’eel nu fayyisuuf fooniin irraa dhalachuuf kan ishee filate bultoo Waaqayyo Yaa’iqoobidha. Lamaffaas raajoota keessa inni tokko Miikiyaas akkas jedhe, “Yaa Beeteliheem kutaa Eefraataa kan taate biyya moototaafi qondaaltota biyya Yihuudaatiin gadi hin taatu lammii koo Israa’eeliin kan eegu mootiin isa keessa ni ba’a.” Har’aa kaasee hanga bara baraatti arjaa Abbaasaa fi Afuura Qulqulluu wajjin galanni kan ta’uuf waa’ee Kiristoos Afuura tokkoon raajii kan dubbatan dubbiin Miikiyaasii fi Dawiit akkam nama haa dinqu? Yaa qulqulleettii nuuf kadhadhu.
6. Mootiin Israa’eel Daawiit, yeroo diinoonnisaa isarratti ka’anii turetti, burqaa bishaan Beetelihemirraa dhuguuf hawwe. Ajajoonni loltusaa ariitiidhaan magaalaa diinasaa irraa loluudhaan kan inni dhuguuf hawwe bishaan fidaniif. Dawiit qulqulluun garuu isaaf jedhanii du’aaf dabarsanii of kennuusaanii yommuu argu, bishaan sana ni dhangalaase, isarraayis hin dhugne. Kana boodas bara baraaf hojii gaarii ta’ee lakkaa’ameef. Wareegamtoonni dhugumatti miidhagina addunyaa kanaa tuffatan, dhiigasaanis Waaqayyoof jedhanii dhangalaasan. Mootummaa Waaqayyoofis du’a hadha’aa obsan. Yaa Gooftaa akka baay’inaa dhiifama keetti dhiifama nuuf godhi. Yaa qulqulleettii nuuf kadhadhu.
7. Qulqulluu Sadan (Sillaasee) keessaa inni tokko Ilmi, salphina keenya argee, samii samiirras bu’ee gad of qabee dhufee gadaamessa Maariyaam keessa bule. Cubbuurraan kan hafe akkuma keenya nama ta’ee. Akkuma Raajonni dubbataniifitti Beetaliheemitti dhalate. Guutumatti nu fayyise, gartuu isaas nu taasise. Yaa qulqulleettii nuuf kadhadhu.
Galata Maariyaam Kan Jimaataa.
Jimaataa kan kadhatamu Gooftaa keenya kan deesse galata Giiftii keenya Dubroo Maariyaam
1. Yaa Maariyaam ati dubartoota keessaa kan eebbifamteedha. Firiin gadaamessa keetiis kan eebbifameedha. Mudaa tokko malee Waaqayyo kan deesse Yaa Dubroo Maariyaam aduun dhugaa si keessaa bahe, Gooftaan nuuf dhalate, arjummaa koochoosaatiin ofitti nu dhiyeesse. Yaa qulqulleettii nuuf kadhadhu.
2. Waaqayyoon kan deesse yaa Giiftii keenya, haadha ifaa waan taatef ulfinaan si galateeffanna. Kan eebbifamte, yaa Dubroo Maariyaam ati Ergamoota ni caalta, ijoollee Addaam hundumaas ni caalta. Uumama hundumaa ni caalta, kan si fakkaatu hin jiruhoo ulfinna kee dubbachuu kan danda’u eenyuudha? Gooftaa Kirubeelii fi Suraafeeliirra bulee jiraatu dhufee waan gadaamessa kee keessa buleef, Yaa Maariyaam ergamoonni si kabaju, Suraafeelis sigalateeffatu. Nama kan jaallatu inni garasaatti nu simate. Galanni fi ulfinni kan isaaf ta’u, du’a keenya fudhatee jireenyasaa nuuf kenne. Yaa qulqulleettii nuuf kadhadhu.
3. Abdii dubrootaa kan taate, Gooftaa kan deesse yaa Dubroo Maariyaam ati kan eebbifamteedha. Firiin gadaamessa keetiis kan eebbifameedha. Addunyaa kana dura kan ture inni nama ta’e, sirraa kan dhalate foon keenya uffate, Afuura Qulqulluus nuuf kenne. Baay’ina arjummaasaatiin fakkaattotasaa nu taasise. Ulfanaa fi kenna kan fudhatan dubartoota hedduu ati ni caalta. Yaa Maariyaam Waaqayyoon kan deesse, ati magalaa xiqqoo Waaqayyo anga’oon si keessa buleedha. Gooftaa Kirubeelii fi Suraafeelirra jiraatu harka keetti baatte. Baay’ina arjummaasaatiin uumama foonii hundumaa kan jiraachisu inni harma kee hodhe. Kunis hundumaa kan fayyisu Waaqayyo keenyadha. Bara baraan nu eega, akka isaaf sagadnuu fi galateeffannuuf inni nu uumeera. Yaa qulqulleettii nuuf kadhadhu.
4. Dubroon Maariyaam bultoo urgaa fi burqaa bishaan jireenyaati. Firiin gadaamessashee nama hundumaa fayyiseerahoo. Abaarsa keenyas nurraa balleessee, nu gidduuttis ta’ee fannoosaatiin nuu araarse, du’aa ka’umsa adda ta’eenis lammaffaa nama gara Gannataatti deebise. Yaa qulqulleettii nuuf kadhadhu.
5. Qulqulleettiin dubroo Maariyaam kan amanamte Waaqayyoos kan deessedha. Dhala namaafis dhiifama kan kadhattuudha. Cubbuu keenya akka nuu dhiisuuf gara Kiristoos Ilma keetti nuuf kadhadhu. Yaa qulqulleettii nuuf kadhadhu.
6. Mana qulqullummaa keessatti dubroo Maariyaam dhageessistee dubbatte, “Yaa Dubroo Maariyaam nagaan siif haa ta’u jedhee ergamichi kabajee kan natti himeen alatti waanan beeku akkan hin qabne Waaqayyoon ni beeka” jette ture. Kan hin danda’amne dandeesse, kan hin murtoofne fi homtuu isa murteessuu kan hin dandeenye gadaamessa keetti murteessite. Kennaan kan guutamte galanni kee ni baay’ata, ulfinni kee hangana hin qabu. Bultoo Jechaa Abbaa taateetta. Gartuu Kiristaanota kan walitti qabduu fi fayyisaa kan ta’an Sillaaseef sagaduu kan barsiiftu, golgi bal’aa utubaa ibiddaa Muuseen arge kan baatte siidha. Kunis dhufee gadaamessa kee keessa kan bule Ilma Waaqayyoodha. Gooftaa samii fi lafa uumeef bultoo taate. Ji’a sagal garaatti isa baatte. Samii fi lafti kan isa hin murteessineef kan amanamte siidha. Lafaa gara samiitti ol ba’uuf riqaa taate, ifni kee ifa aduu ni caala. Urjiin qulqulloonni gammachuu guddaadhaan argan sirraa kan dhalate bahi biiftuu siidha. Kunis dhiphinaa fi ciniinsuudhaan akka deessuuf Hewaanitti kan murteesseedha. Yaa Maariyaam ati garuu, “ayyaanaan kan guutamte gammadi” sagalee jedhu dhaga’uudhaan dhufee kan nu fayyise mootii hundumaa kan ta’e nuuf deesse. Innis abbaa dhiifamaa fi nama kan jaallatuudha. Kanaafuu, Yaa Maariyaam ati kan eebbifamtedha, firiin gadaamessa keetis kan eebbifameedha. Kennaan kan guutamte gammadi Waaqayyo si wajjin jirahoo.” jechaa akkuma ergamaan Gabri’eel sigalateeffate nutis si galateeffanna. Yaa qulqulleettii nuuf kadhadhu.
Galata Maariyaam Kan Sanbata Duraa
Sanbata Duraa kan kadhatamu Gooftaa keenya kan deesse galata Giiftii keenya Dubroo Maariyaam
1. Yaa Maariyaam ati Qulqulleettiidha, eebbifamtuudhas, Gooftaa harka keen kan baatteen yaa Dubroo ati waan hundumaan kan eebbifamtedha. Uumamtoonni hundumtuu, “Yaa Qulqulleettii nuuf kadhadhu” jedhanii sagalee guddaadhaan si wajjin gammadu. Yaa qulqulleettii nuuf kadhadhu.
2. Kennaan kan guutamte yaa Dubroo gammadi, Waaqayyo biratti ulfina waan argatteef gammadi, Waaqayyo si wajjin waan jiruuf gammadi. Simboo kan qabdu yaa Dubroo olaantummaa kee ni galateeffana. Fayyinni keenya firii gadaamessa keetiin waan argameef yaa Maariyaam nuti akkuma ergamaa Gabri’eelii, galata siif dhiyeessina. Gara Abbaasaa gara Waaqayyootti nu dhiyeesse. Yaa qulqulleettii nuuf kadhadhu.
3. Afuurri Qulqulluun waan sirra buleef, humni Waaqayyoos waan si golgeef ati akkuma mana cidhaa qulqulluudha. Yaa Maariyaam jechaa Abbaa bara baraaf jiraatu dhufee cubbuurraa kan nuu fayyise dhugumatti nuuf deesse.Yaa qulqulleettii nuuf kadhadhu.
4. Sanyii Daawit keessaa kan argamte si’idha. Fayyisaa keenya Iyyesuus Kiristoos fooniin waan deesseef addunyaa kana dursee kan ture Abbaarraa kan dhalate Jechi foon namaa uffatee, Waaqummaasaa dhokse. Yaa qulqulleettii nuuf kadhadhu.
5. Yaa Maariyaam mudaa osoo hin qabaatin Gooftaa kan deesse, aduun dhugaas si keessaa waan baheef ati lafa lammaffaa samii taate. Akkuma Raajonni raajii dubbatanitti sanyii dhiiraa malee otoo hin jijjiiramin Gooftaa deesse.Yaa qulqulleettii nuuf kadhadhu.
6. Kan filataman keessaa adda kan taate, Tsillaatiin kakuu kan si keessa jiru, leemmanni Warqeefi nyaata dhokate kan baatte kan si keessa jiru, godoo /dunkaanni/ dabtaraa sidha. Nyaata kan jedhame kunis gadaamessa Dubroo Maariyaam keessa kan bule Ilmaa Waaqayyoodha. Jechi Abbaa ishee irraa dhalatee nama ta’e. Dhufee kan nuu fayyise mootii samii fi lafaa addunyaa keessatti deesse. Haati Kiristoos hoolaa dubbatuu gannataa kan taate ni gammaddi. Bara baraaf kan jiraatu Ilmi Abbaa dhufee nu fayyise.Yaa qulqulleettii nuuf kadhadhu.
7. Haadha mooticha Kiristoos jedhamte. Erga isa deeseen boodas durbummaadhaan jiraatte. Iccitii dinqii ta’een Gooftaa deesse. Kanaafuu jijiirama malee si eege. Yaa qulqulleettii nuuf kadhadhu.
8. Riqaan Waaqayyo irra taa’ee Yaa’iqoob arge sidha. Karuma hundumaan qoratamtee bira kan hin ga’amne gadaamessa kee isa qulqulluu ta’een baatteen. Nu fayyisuf jedhee sirraa nama kan ta’e Gooftaa keenya Iyyesuus biraatti araarsituu nuuf taate.Yaa qulqulleettii nuuf kadhadhu.
9. Yaa galma eebbifamtuu fi qulqulluu taate, Yaa Maariyaam kunoo Gooftaa baay’ina dhifamasaatiin addunyaa kana uume, hundumaa fayyisuuf si’i irraa dhalate. Inni arjaa fi nama kan jaallatu waan ta’eef haa galateeffannun. Yaa qulqulleettii nuuf kadhadhu.
10. Cubbuu tokko malee Dubroo kan taate, kennaan kan guutamte, yaa Giiftii keenyaa gammadi. Ati ulfina addunyaa hundumaa fi xoofoo qulqullooftuudha. Yaa Maariyaam ati ibsaa hin dhaamne, mana qulqullummaa hin diigamneedha. Hirkoo qulqullootaa, uleen amantaa hin jijjiiramne siidha. Cubbuu keenya akka nu dhiisuuf Ilma kee arjaa fi fayyisaa ta’e nuuf kadhadhu. Yaa qulqulleettii nuuf kadhadhu.
Galata Maariyaam Kan Dilbataa
Guyyaa Sanbata Kiristaanaa, Dilbata kan kadhatamu Gooftaa keenya kan Deesse galata Giiftii keenya Dubroo Maariyaam.
1. Yaa Maariyaam, dubartoota hundumaa keessaa kan eebbifamte, jaallamtuus jedhamte. Adda kan ta’an caalaatti adda kan taate, Tsillaattin seera kakuu ishee keessa jira kan jedhamtu kutaan lamaffaa siidha. Seerri sunis abboommii kurnan quba Waaqayyon kan barreeffamanii dha. Otoo hin jijjiiramin sirraa nama kan ta’e fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos maqaasaa isa tolaa ta’e dursee yawixaatti (jechoota kurnaan) quba Waaqayyoon bareeffaman nutti hime. Kakuu haaraafis araarsaa ta’e. Dhangala’uu ulfaata dhigaasaatiin gartuusaa kan ta’an amantoota qulqulleesse. Yaa qulqulleettii nuuf kadhadhu.
2. Muka daana’oon hin nyaannerraa kan tolfame Taabonni, keessa fi alaan warqeedhaan kan dibame Jecha Waaaqayyo isa otoo hin jijjiiramin nama ta’e fakkaata. Kunis Waaqummaa qulqulluu jijjiiramni itti hin jirreedha. Abbaa wajjin kan walqixxaatedha. Giiftii keenya Qulqulleettiif ofiisaa missirachoo itti hime. Ogummaasaa adda ta’een sanyii dhiiraa malee akkuma keenya nama ta’e. Waaqummaasaan foon uffatee sirraa nama ta’e. Yaa qulqulleettii nuuf kadhadhu.
3. Yaa Maariyaam fakkii Waaqayyoon kan fakkeeffaman kiruubeel kan si golgan manni qulqullummaa siidha. Yaa dubroo Jechi jijjiirama malee sirraa nama ta’e cubbuu keenya kan nuuf dhiisu, gidiraa keenyas kan nurraa fageessu ta’e. Yaa qulqulleettii nuuf kadhadhu.
4. Nyaanni dhokate kan si keessa jiru, leemmatiin warqee siidha. Nyaanni kunnis, nyaata samiirraa bu’ee addunyaa hundumaaf jireenya kennuudha. Yaa qulqulleettii nuuf kadhadhu.
5. Ibsaa yeroo hundumaa ifa qabu kan baatte ibsituun warqee sidha. Ibsaan kunis, ifa addunyaadha. Ifichis ifa dhugaa, jalqaba hin qabnerraa kan argame ifa dhugaadha. Waaqayyo dhugaarraa kan argame Waaqayyo dhugaadha. Innis otoo hin jijjiiramiin sirra nama kan ta’edha. Dhufaati Isaatiinis dukkana fi gaaddidduu du’aa jala kan jirru nuuf nuu’ibse. Iccitii ogummaasaa adda ta’eenis foon keenya uffatee yaada laphee keenyaa gara karaa nagaatti nuuf deebise. Yaa qulqulleettii nuuf kadhadhu.
6. Eebbifamichi mana qulqullummaa keessaa baatee kan si baase, barbadaa ibiddummaa isa qabu kan baatte ultuun warqee siidha. Barbadaa kan jedhames cubbuu namaa kan haquu fi yakka namaf dhiifama kan kennuudha. Innis sirraa nama kan ta’ee fi aarsaa jaallatamaa taasisee kan of dhiyeesse Jechaa Waaqayyo dha. Yaa qulqulleettii nuuf kadhadhu.
7. Jecha Waaqayyo kan nuuf deesse Yaa Maariyaam gugee toltuu gammadi. Hidda Iseeyyiirraa kan baate habaaboon urgaa tolaa qabdu siidha. Yaa qulqulleettii nuuf kadhadhu.
8. Sanyii dhiira malee nama ta’e, kan nu fayyise, Gooftaa keenya isa dhugaa Kiristoosiin kan nuuf deesse yaa Maariyaaam ati akka ulee Aaroon ishee otoo hin dhaabamin, bishaanis otoo hin obaasiin lalistee argamte fakkaatta. Yaa qulqulleettii nuuf kadhadhu.
9. Yaa Maariyaam ayyaanaan kan guutamte ati qulqulloota hundumaa caalaa nuu kadhachuun siif ni ta’a. Ati angafoota Phaaphaasotaa ni caalta. Raajotaa fi barsiistotas ni caalta. Suraafeelii fi Kirubeelii caalaa siimboo jaallatamaa qabda. Dhugumatti abdiin namumaa keenyaa siidha. Isa amanuudhaan amantaa siirriitiin akka nu jabeessuuf, dhiifamasaas akka nuu kennuuf, baay’ina arjummaasaatiin cubbuu keenya akka nuu dhiisuuf gara Gooftaa fi fayyisaa keenyaatti nuu kadhadhu. Yaa qulqulleettii nuuf kadhadhu.
Baha Ifaa
Galata Haadha Waaqayyoo nama Itiyoophiiyaa kan ta’e qulqulluun Yaareed kan barreesse. Murteessituu dhugaa haadha Waaqayyoof tajaajillii fi galanni ni ta’aaf.
1. Yaa Qulqulleettii, ati kan eebbifamte kan galatoomte, kan kabajamte, ol ol kan jetteedha. Ati baha ifaa, riqaa jireenyaati. Yaa giiftii keenya Dubroo Waaqayyo deesse, ati kan filataman keessaa kan filatamte bultoo Waaqummaati. Uummamtoota hundumaarraa kan kabajamte, yaa Maariyaam Abbaan kan si jaallate, Ilmi si keessa bule, Afuura Qulqulluunis sirra boqote jedhamte. Ati lafarratti Ariyaam kan taate, anga’oof iddoo Ariyaam kan bakka buute sidha. Raajota, lubootaa fi mootoonni akka fakkeenya keetti Tsillaatiin waadaa kan keessashee jiru qulqulleettii, kan adda ta’an irraa adda taate hojjetan. Yaa qulqulleettii Ilmi kee dhifamasaa akka nuu keennuuf nuuf kadhadhu.
2. Ilmi Waaqayyoo sirraa dhalatee nama ta’uusaatiin, sababa keetiinis gara Ariyaam Mootummaa Waaqayyootti kan dhiyaanne taane, maqaa keefi maaqa Ilma keef kan dhiyaanne taane. Abboommiin kurnan qubasaatiin kan barreeffaman, Gooftaan hundumaa, Ilmi Waaqayyoo garaa kee keessa bule. Aangoosaan si jabeesse. Afuura Qulqulluunis sirra bule, si qulqulleesse, humni Waaqayyoos si jabeesse. Iyyesuusis foon kee uffate, sagalee guddaadhaanis, “Kitaabni bishaan jireenyaa garaasaatii ni burqa,” akkuma jedhe, “eenyuyyuu kan dhebote yoo jiraate gara kootti dhufee haa dhugu” jedhe. Yaa qulqulleettii ilmi kee dhiifama saa akka nuu kennuuf nuuf kadhadhu.
3. Duraan dursee yawuxaadhaan nutti hime.Yawuxaa kan jedhaman abboommii kurnan quba Waaqayyoon barreeffamanidha. Ilmi kee Gooftaa fi Fayyisaan keenya Iyyesuus Kiristoos ati qofa Abbaasaa akka taate, Innis Ilma kee qofa akka ta’e nuu barsiise. Akkasumas samiirratti haadha, lafarrattis abba hin qabu jennee amanna, dhufaatisaas Abbaasaa fi Afuurra Qulqulluu malee kan beeku otoo hin jiraatiin samiirraa gadi bu’e jennee ni amanna. Gadaamessa kee keessa bulee ji’a sagal baatteen. Samiwwan ni gammadan; laftis ni gammadde. Dhalachuu Ilma keetti ergamaan misiraachoo hime. Ergamoonni samiis, “Galanni Waaqayyoof samiirratti haa ta’u, lafarrattis nageenyi namafis hanga eeyyamasaatti” jedhanii galateeffatan. Tiksitoonnis Betaliheemitti kan dhaga’anii fi kan argan irraan kan ka’e dinqisiifatan. Namoonni Ogummaa Ilma keef sagaduu fi si tajaajiluuf urjii ilaalanii biyya fagootii dhufan. Baha biiftuu kaasee hangaa Betaliheemitti oofee kan isaan fide bakkalchi sun iddoo ati mucaa kee wajjin jirtuti dhaabate. Namoonni Ogummaa sunis arganii guddaa gammadan, gara mucaa keetis galanii isa dura dhaabbatan, lafattis kufanii sagadaniif. Saanduqa isaaniis bananii warqee, ixaanaa fi qumbii harka-fuudhii dhiyeessaniif. “kadhannaa lammiikee aarsaa isaanii akka fudhattuuf cubbuusaaniis akka isaanii dhiistuuf kan dhufte Yaa Gooftaa keenyaa harka fuudhii sii dhiyeessine, Maqaa kee ulfaataafis ixaana sirraa arganne siif dhiiyessine jedhan. Yaa qulqulleettii Ilmi kee dhiifamasaa akka nuu kennuuf nuuf kadhadhu.
4. Qulqulloota hundumaa keessaa qulqulluun siidha. Akkuma Taabota muka daana’oon hin nyaannerraa tolfamtee, warqeedhaanis akkuma midhagde, gatiinsaas guddaa kan ta’e inquu (Albuuda ulfaataa calaqqisuu) akkuma dibamee taatee mana qulqullummaa keessa jiraachuuf kan filatamte dubroon siidha. Akkasittis mana qulqullummaa keessa jiraatte. Ergamoonni samiis yeroo hundumaa nyaata kee siifidu ture. Akksiitti Ergamoonni si tajaajilaa waggaa kudha lama jiraatte. Kan ati dhugdus dhugaatii jireenyaati ture, nyaanni kees nyaata samii ture. Abbaan kee Daawit masanqoodhaan si galateeffate. Afuura Qulqulluun guutamee baganaa rukuchaa raajiidhaan, “Yaa mucaa koo dhaga’i, gurra kees as-qabi, fira keetii fi mana Abbaa kee irraanfadhu, mootichis midhagina kee jaallateera, inni Gooftaa keedhahoo, Isaafis sagadi ni sagaddaafis” Far. 45:9-10 jedhee faarfate. Yaa qulqulleettii Ilmi kee dhiifamasaa akka nuu kennuuf nuuf kadhadhu.
5. Gartuu ergamoota qulqullaa’oo warra hin yakkine keessaa tokko kan ta’e fuula Waaqayyoo dura kan dhaabbatu, garee ergamoota warra gaarii kan ta’e, Gabri’eel ergamaan missiraachoo sitti hime. Akkanas siin jedhe, “Kennaan kan guutamte gammadi, Waaqayyoo si wajjin jira, ati dubartoota hundumaa caalaa kan kabajamteedha. Bulchaa hundumaa kan ta’e Waaqayyo biratti ulfina argatte. Kunoo ni ulfoofta Ilmas ni deessa maqaasaas Iyyesuus jette ni moggaafta. Innis jabaa Ilma Waaqayyoo anga’oo jedhama. Waaqayyo Gooftaanis teessoo Daawit kan abbaasaa ni keennaaf, bara barafis lammii yaa’iqoob ni bita. Mootummaa Isaafis dhuma hun qabu. Afuurri Qulqulluun sirra ni bula, humni Waaqayyoos sirra jiraata. Inni sirraa dhalatus qulqulluudha. Yaa qulqulleetti Ilmi kee dhifamasaa akka nuu kennuf nuuf kadhadhu.
6. Galmi qulqullummaa fi adda kan ta’an irraa adda kan taate siidha. Golgi ifaafi ulfinaa siidha. Yaa qulqulleettii Maariyaam Afuura Qulqulluun waan sirra buleef humni Waaqayyoo waan sirra jiruuf siin qulqulluu qulqulleettii mana qulqullummaa adda taatetti si fakkeessine. Ati golga ifaadha jechuun keenyas jecha Abbaa kan ta’e fayyisaan keenya Iyyesuus Kiristoos sirraa waan dhalateefidha. Innis samiirra kan jiru Goofta hundumaa, ergamootaa fi hangafoonni ergamootaa, anga’ooni ijiisaanii, ifoonni mootonni, humnoonni, hangafoonni qondaaltoonni kan isa galateeffatanidha. Yeroo Ilma kee addunyaa kana keessatti deessen, ijjiisaanii baay’ee kan ta’an Kirubeelii fi kaattuun (koochoo) isaanii ja’a kan ta’an Suraafeel dallaa keessattis si golgan (si marsan). Duumessi ifaas si marsan, hangafoonni ergamootaa raayyaan ergamootaa samii si fuldura dhaabbatan. Kirubelli fi Suraafeel addunyaa kanatti galata duran samiirra hin jirre galata haaraatiin si galateeffatan. Uumama hundumaa sassaabee kan bulchuu fi kan nyaachisu Gooftaan isaanii harka kee irra taa’ee akkuma daa’immanii yommuu harma hodhu argan. Ariyaamitti barbaadanii akkuma duraatti Abbaasaa fi Afuura Qulqulluu wajjin isa argatan. Gad of qabinsa Gooftaa isaanii yommuu arganis ijasaanii gara Ariyaamitti ol kaasani, kaattuu (koochoo) isaanii diriirsanii “Yaa Gooftaa hundumaa samiirratti galanni siif ni ta’a.” jedhanii Gooftaa isaanii galateeffatan. Lamaffaas, dallaa horii keessatti mucaa kee wajjin si arganii “Lafarratti nagaan (Jaalalliifi tokkummaan) ta’e” jedhan. Foon keenya isa sirraa fudhatee uffatee yommuu arganis “Akkam akkanatti nama jaallate” jedhanii sagadanif. Raajichi Daawitis, “Waaqayyos samii fi iddoo bultoosaarra taa’ee gara warra lafarra jiraatan hundumaatti ilaale, dhala namaa hundumaas arge; mootiin miidhagina kee jaallate, bara baraaf boqonnaan koo ishee kanadha, waanan ishee filadheef ishee keessa nan bula.” jedhee raajii dubateef. Yaa qulqullulleettii Ilmi kee dhiifamasaa akka nuuf kennuuf nuuf kadhadhu.
7. Adda kan taate fi gaarummaa kan qabdu, kan galatoomteefi kan eebbifamte kan kabajamtee fi ol’aantuu kan taate, Yaa Maariyaam masoobii warqee nyaanni jireenyaa kan keessa jiruun si fakkeessine. Nyaanni jireenyaa kunis, qulqulloota mirgasaan jiran wajjin isatti kan amanee fi lapheesaa qulqulleesse kan isarraa nyaatu hundumaaf jireenya kan kennu samiirraa kan bu’edha. Yaa qulqulleettii Ilmi kee dhiifamasaa akka nuu kennuuf nuuf kadhadhu.
8. Harki ogeessa kan ishee hin tolchine, keessa isheettis ibsaa kan ibsan baattuun ibsa warqee sidha. Ifni garaa keeti dhufee si keessa bule, Waaqummaa isaatiinis addunyaa hundumaaf ibse, dhala-namaarra dukkana fageesse. “Ani ifa addunyaati ifa kooti amanaa, yeroo ifa ta’ee jirutti deddeebi’aa” jedhee jechasaa nama fayyisuun nu fayyise. Yaa qulqulleettii Ilmi kee Dhiifamasaa akka nuu kennuuf nuuf kadhadhu.
9. Gooftaa hundumaarraa argame, Gooftaa hundumaa, ifa ifarraa argame, dhuguma Gooftaan hundumaa, kan dhalte malee kan uumame miti. Jireenyaan, aangoodhaan Abbaasaatiin kan walqixxaate samii fi lafarra kan jiraatan hundumtuu kan isaan uumaman nu fayyisuuf jedhee kan samiirraa gad bu’e, Kiristoos, qulqulleettii dubroo Maariyaam irraa nama ta’e. Dhufaatii isaatinis nuuf ibse, Missiraachoo gammachuu guddaas nutti hime, Abbaasaa wajjinis nu araarse, gara daandii jireenyaattis nu deebise, jireenya bara baraas nuuf kenne. Raajichi Isaayaas isatti amanuudhaan, Seerasaa irraa kan ka’e raajiidhan dinqisiifachaa “seerri (abboommiin) kee lafarratti ifadha.” jedhe. Jaarsa, lubaa fi ajaja Waaqayyoo kan eege Zakkaariyaas qulqulluun ni dinqisiifate, dubbachuus jalqabe, “Waaqni keenya dhiifamasaatiin Ariyaamirra taa’ee nu daawwate, warra dukkanaa fi gaaddidduu du’aa jala jiraachaa turaniif ifasaa isaanif ibsuuf dhalate. Cubbuu keenya nuuf dhisuuf, nu fayyisuufis miilla keenya gara daandii nagaatti qajeelche.” Yaa qulqulleettii Ilmi kee dhiifamasaa akka nuu kennuuf nuuf kadhadhu.
10. Yaa giiftii keenya kadhannaan qulqullootaa fi amantoota hundumaa ultuu (Maaxantii) isaanitiin lafaa gara samiitti kan ittin ol baasan ultuu warqeerraa kan tolfamee harka hangafoota luboota samii keessa jiruun si fakkeessina. Akkasumas maqaa kee waamudhaan kadhannaa dhala nama hundumaa gara Sadan adda ta’an gara Abbaa, Ilmaa fi Afuura Qulqulluutti ni dhiyeessu. Cubbuu lammiikee akka dhisistuuf Abbaa, Ilmaafi Afuura Qulqulluu biratii siif eeyyamameera. Akkasumas, dhala namaaf riqaa jireenyaa bara baraa akka taatuuf. Yaa qoricha addunyaa lammiikee amantootaaf qorichasaanii jedhamuu qabda. Yaa qulqulleettii Ilmikee dhiifamasaa akka nuu kennuuf nuuf kadhadhu.
11. Ati lalistuu eebbifamtuudha, biqiltuu jireenyaa fi fayyinaati. Lalistuu jireenyaa Gannata keessa jirtuu fi addunyaa kanatti biqiltuu jireenyaa taatee bakka buute. Firiin kees, firii jireenyaati, namoota addunyaa isa beekan biratti habaaboon urgaa gaarii qabu sirraa mul’ate, kunis karbee mi’aa saliik, kan jedhaman urgooftuu uffata keerra jiru jedhee raajichi Daawit baganaadhaan raajii kan siif dubbatedha. Abbaan kee Salomonis “Yaa misirroo koo biqiltuu dallaan itti ijaaramtedha. Daandiin kee biqiltuu itti ijaarame, ati boolla chaappeeffamtedha. Urgooftuu mi’eessituu wajjin urgaa qabdaa, urgooftuu qo’i, urgooftuu naardos, urgooftuu matsiriiy kan jedhaman wajjin jirta. Urgooftuu qatsiimataat qanaanimos kan jedhaman urgooftuu baddaa wajjin qabda. Urgooftuu warra kana hundumaa wajjin urgaa hundumaa kan caalu urgooftuu Karbee fi Aliwi qabda. Yaa dhangaatuu Gannataa, ati bishaan jireenyaa baddaarraa dhangala’uuf burqeedha. Yaa qulqulleettii Ilmi kee dhiifamasaa akka nuu kennuuf nuuf kadhadhu.
12. Otoo hin dhaabinii fi bishaan otoo hin obaasiin lalistee kan argamtee uleen Aroon Mana qulqullummaa keessa jirti ture. Lubootaafis ishee qopheessee ture. Atis akkumashe qulqullinaan mana qulqullummaa keessa jiraatte. Mana qulqullummaa keessas ulfinaa fi gammachuu guddaadhaan baate. Dhugumatti firii jireenyaa kan ta’e Gooftaa fi Fayyisaa keenya Iyyesuus Kiristoos sirra argamee. Yaa qulqulleettii akkuma ergamicharraa dhageese otoo dhiira hin beekin Ilma argate. Ergamichi “Afuura Qulqulluun dhufee sirra bula, humni Waaqayyoos si golga” jedhee sitti himee ture. Yaa qulqulleettii Ilmi kee dhiifamasaa akka nuu kennuuf nuuf kadhadhu.
13. Kennaan kan guutamtee fi madda gammachuu kan taate yaa Giiftii keenyaa, kan maqaa Ilmakeetti amanne tajaajiltoota kee dhiiraa fi dhalaaf nuuf kadhachuun siif ni ta’a. Ati ijjisaani baay’ee kan ta’an Kirubeelii fi kaattuun (koochoon) isaanii jaha kan ta’an Suraafeel caalaa simboo jaallatamaa ni qabda. Isaanis fuulasaanii ni dhokafatu, Miillisaaniis akka fakkii fannootti. Kunis ibidda Waaqummaa Ilma keerraa ba’u irraa akka fayyaniif. Ati garuu Waaqummaaf bultoo taate. Waaqummaan Gooftaa si hin gubne, labooba ibiddaa baatte malee. Waaqummaan Gooftaa si hin gubne. Ati lalistuu Phaaxooos ishee ibiddi otoo hin gubiin Muuseen arge fakkaatte. Waan hundumaan ibidda kan ta’e Gooftaan akkuma mukittii phaaxoos si hin gubne. Dhugumatti abdii Kiristaanotaa kan taate sidha. Ilmi Waaqayyoo sirraa waan nama ta’eef sababa keetiin lafaa gara Ariyaamitti (Samiitti) kan dhiyaanne taane. Yaa Maariyaam warra kadhannaa keetti amananiif dhiifama kan keennisiiftu, ati lubbuu keenyaaf jireenya kan kadhattudha. Isatti, Abbaasaa fi Afuura Qulqulluutti amannee amantaa dhugaatti akka nuu cimsuuf gara Gooftaa fi Fayyisaa keenyaa Iyyesuus Kiristoositti nuuf kadhadhu. Akkasumas, dhiifamasaa akka nuu kennuuf, baay’ina dhiifamasaatiin cubbuu keenya akka nuu haquuf. Yaa Maariyaam Gooftaa hundumaa kan deesse galanni siif ni ta’a. Har’as yeroo hundumaas bara baraafis galannii fi ulfinni Abbaa, Ilmaa fi Afuurra Qulqulluuf ni ta’a. Yaa qulqulleettii Ilmi kee dhiifamasaa akka nuu kennuuf nuuf kadhadhu
Galata Ergamootaa
Ergamoonni golgaa keessatti Maariyaamiin “Yaa haadha Hoolaa Waaqayyoo galanni siif haa ta’u” jechaa ishee galateeffatu. Ergamaan Maariyaamiin “jecha fudhadhu” jedhe “gara kee ni dhufa gadaamessa kee keessas ni bula.” Akkamitti mana hiyyeessatti bula? Akkuma hiyyeessaattis samiirraa bu’ee amalummaashee amalummasaa taasifatee dhalate.
Ji’a ja’affaattis ergamaa Gabri’eel Waaqayyo Abbaa biraa gara biyya Naazreet Galiilaa jedhamtu, gara dubroo Yoseefiif kaadhimamtee jirtu tokkotti ergamee. Maqaan dubroo kanaas Maariyaam jedhamti. Ergamaan gara isheetti seenee akkana jedheen “Waaqayyo foon kee irraa foon lubbuu kee irraa lubbuu fudhatee waan sirraa nama ta’eef gammachuun siif ni ta’a, ati dubartoota keessa kan eebbifamtedha.” Sagalee dhageesserraan kan ka’e naatee akkana jette, “Harka fuudhiin galataa akkasii akkamitti naaf ta’a?”
Ergamichis akkana jedheen “Yaa Maariyaam hin sodaatiin, Waaqayyoo bira ulfina argattettahoo, kunoo ni ulfoofta Ilmas ni dessa, maqaa isaas Iyyesuus jettee ni moggafta, Innis lmaa Waaqayyoo jabaa jedhama. Waaqayyoos teessoo Daawit, kan Abbaasaa ni kennaaf, Innis lammii Yaa’iqoobi irratti bara-baraan ni mo’aa, mootummaansaas dhuma hin qabu.” Maariyaamis Ergamichaan “dhiira waanan hin beekneef kuni akkamitti naaf ta’a?” jetteen. Ergamichis deebisee akkana jedheen, “Afuura Qulqulluun si eega, humni Waaqayyoos sirra ni bula, kan sirraa dhalatu kunis Sadan Qulqulluu keessaa qulqulluu isa tokkodha. Kunoo lammii kee kan taate Elsaabex osoo dhabduu taatee jirtuu dulluma keessa ulfoofte, ilmas argatte. Erga ulfoftees kunoo ji’a ja’a ta’e. Waaqayyof wanti dadhabamu hin jiruhoo.” Maariyaamiinis Ergamichan “akkuma jecha keetii naaf haa ta’u ani Waaqayyoof garbiitti isaati” jette.
Gabri’eel ergamaan, “Yaa Dubroo Maariyaam, Ulfinnii fi Galanni siif haa ta’u jedheen. Waaqayyoon kan deesse, Galanni siif haa ta’u. Bultoo Waaqayyoo waan taateef, Galanni siif haa ta’u. Godoo /dunkaana/ miidhagde waan taateef, Galanni siif haa ta’u. Obboleettii Ergamootaa fi haadha saba hundumaa, Galanni siif haa ta’u. Giiftii hundumaa Maariyaam, Galanni siif haa ta’u. Nagaa nama hundaa Maariyaam, Galanni siif haa ta’u. Waaqayyoo bultoosaa akka taatuuf waan si filateef, Galanni siif haa ta’u. Koochoo gugee warqee fi meetiidhan miidhagde waan taateef, Galanni siif haa ta’u. Cinaachikee lalisaa warqeedhaan kan midhage Galanni siif haa ta’u. Haadha ifaa, balbala bahaa, Galanni siif haa ta’u. Aduu irra harka torba kan iftu ulfini kees hundumaan ol kan ta’e, Galanni siif haa ta’u. Yaa Maariyaam kan filataman keessaa kan filatamte, kan kabajaman keessaa kan kabajamte, Galanni siif haa ta’u.
Gooftaa fi Fayyisaa keenya Iyyesuus Kiristoos irraa nuuf kadhadhu, akka nu fayyisuuf galata Abbaasaatiin Ergamoota qulqullaa’oo waliin yeroo dhufutti; qulqulloota karaa mirgasaa cubbamoota karaa bitaasaa yeroo dhabuu, nuunis wareegamaa Isxfaanoos fi Yohaannis Cuuphaa waliin, Qulqullootaa fi Wareegamtoota hundumaa waliin akka nu dhaabuuf nuuf kadhadhu. Cubbuu keenyaas akka nuuf dhiisuuf, bara-baraan Ameen.
Barreeffamoota Barnoota Amantii