Amaloota Mana Kiristaanaa

Featured

Akka beektota mana kiristaanatti Mana Kiristaanaa jechuun “walitti dhufeenya Waaqayyoon uumamtoota gi’izaan waliin qabuudha” jedhu. Kanarraa ka’uunis umrii Mana Kiristaanaa iddoo saditti qoodu. Tokkoffaa, Mana Kiristaanaa ishee duraa namni otoo hin uumamin addunyaa Ergamootaa keessa kan turte tokkummaa Ergamootati. Umriin Mana Kiristaanaa inni lammaffaan tokkummaa namootta gaggaarii Aabeel irraa eegalee haga seensa kakuu haaraatti jiraniiti. Kan sadaffaa fi kan dhumaa garuu dhiiga Kiristoosiin kan hundeeffamte tokkummaa Kiristaanotaati. Isheenis madda qulqullummaa fi kennaati. Olitti kan kaafaman lamaan garuu fakkeenyummaa qofa qabu turan.” (Seenaa Mana Kiristaanaa waltajjii addunyaatti fuula 12). Olitti akkuma ibsame Manni Kiristaanaa Kiristoos qabxiilee kanaa gadiitiin ishee fakkaatanii warreen ishee marsanii jiran irraa adda taati.

Ibsitoota Mana Kiristaanaa kan jedhaman bu’ura amantaa Yaa’ii Niiqiyaa irratti murteeffaman (Nicene Creed) irratti “ወነአምን በአሐቲ ቅድስት ቤተክርስቲያን እንተ ላዕለ ኩሉ ጉባዔ ዘሐዋርያት” innis “Hundaa ol kan taate yaa’ii duuka bu’ootaan kan hundoofte qulqulleettii Mana Kiristaanaa takkittiitti ni amanna” kan jedhudha. Mana kiristaanaa tokko Mana Kiristaanaa kan jechisiisu bara araaraa 381tti phaaphaasota 150 (beektota Mana Kiristaanaa) iddoo Qusxinxiniyaa jedhamutti kan walitti qabaman qannoonaa amantii isaanii irratti akka ibsanitti: tokkittii (one), qulqulleettii (holy), kan hundaa fi iddoo hunda kan jiraattu (universal) fi kan duuka bu’ootaa (apostolic succession) yoo taate qofadha. Kana arfan keessaa tokko kan hir’iste Mana Kiristaanaa Kiristoos ta’uu hin dandeessu, mitis.

Manni Kiristaanaa Tokkittii Dha

Manni Kiristaanaa tokkittii dha. Lama yookan sadi yookan isaa ol ta’uu hin dandeessu. Tokkoo gadis hin xiqqaattu. Ittis hin dabalamu, irraayis hin hir’ifamu. Gooftan keenya Iyyasuus Kiristoos “kattaa kanarratti Mana Kiristaanaa koo nan hundeessa” jedhe malee “manneen kiristaanaa” hin jenne. Mat 16:18 Bu’ura tokko irratti, bu’ureessaa tokkoon kan bu’ureeffamte waan taateef manni kiristaan tokkittiidha.

Manni kiristaanaa tokkittiidha yeroo jedhamu tokkummaa ishee keessa jiru mul’isa. Mana Kiristaanaa keessatti tokkummaa saditu jira. Inni duraa tokkummaa kiristaanonni lafa irra jirru (walii walii keenyan) qabnuudha. Inni lammaffaan tokkummaa kiristaanonni qaama fooniin jirru qullqulloota qaama lubbuun jiran waliin qabnuudha. Inni sadaffaan tokkummaa hundi keenya (kiristaanonni qaama foonitiin jirru fi qulqulloonni qaama lubbuutin jiran) Waaqayyo wajjin qabnuudha.

Gooftaan keenya, Fayyisaa-addunyaa “Mukti wayinii inni dhugaan ana” akkuma jedhe, amala waaqummaa isaatti kan amanan Kiristaanonnis damee isa irratti biqilan waan ta’aniif akka jecha tokkootti kan dubbatan, akka laphee tokkootti kan gorsan ta’uutu irraa eegama. “… hundinuu akka tokko ta’an, jecha irraa kan ka’e kan anatti amanan hundaaf malee isaan kana qofaaf miti… yaa Abbaa, ati akkuma ana waliin taate anis akkan siwaliin ta’e, isaanis nuwaliin akka tokko ta’an … akkuma nuti tokko taane isaanis akka tokko ta’an …” Yoh 17:20 kan jedhu irraa kan hubannu tokkummaa kanadha. Duuka bu’aa qulqulluun Phaawuloosis “abdii tokkichaaf hanga waamamuu kessanii, qaama tokko fi afuura tokko akka taatan isin kadhadha” jedha. Akkasumas, “Gooftaan tokkodha, amantaanis tokkodha, cuuphanis tokkittiidha” Efe 4:4-5 jechuudhan Manni Kiristaanaa kan Kiristoos tokko ta’uu ishee hubachiisera. Kana waan ta’eef Manni Kiristaanaa dhagaarrayis hojjetamtu dhoqqeerraa, biyya keessattis yaa hundeeffamtu biyya alaatti amantiin ishee fi seerri ishee tokkodha.

Manni kiristaanaa tokkittiidha yeroo jedhamu tokkummaa Kiristoos waliin qabnuu agarsiisa malee dhimma bulchiinsatii miti. Tokkummaan keenya damee tokkicha Kiristoos ta’uu keenya fi dhiiga fi foon Kiristoosiin kan fayyinu ta’uu keenyadha. Yoh 15:1-10 Bu’ura isa tokkicha kana irraatti kan bu’ureeffamte waan taatef Manni Kiristaanaa tokkittiidha.

Manni Kiristaanaa Qulqulleettiidha

Kiristoos dhiiga isaa qulqulluun bu’ureessera, qulqulleessera, eebbiseera waan ta’eef Manni Kiristaanaa qulqulleettidha. Efe 5:26. Qulqullummaan Mana Kiristaanaa kan argame qulqullummaan amala isaa kan ta’e Gooftaa keenya fayyisaa keenya Iyyasuus Kiristoos irraa waan ta’eef xuraa’onni gara ishee seenan ni qulqullaa’u malee namoonni keessa ishee turan cubbuudhan ykn gantummaadhan yoo xuraa’aniyyuu isheen hin xurooftu. Haa ta’u malee, bu’ura inni “akkuman ani qulqulluu ta’e isinis qulqulluu ta’aa” jedheen isatti kana amanan fi gaaddisa Mana Kiristaanaa jalatti kan walitti qabaman hundi qulqullummaa amala isaanii taasifachuu qabu. Manni kiristaanaa qulqulleettiidha (adda kan taate) yeroo jennu wantoota afur armaan gadiitti ibsame ilaallata.

Tokkoffaa: Dhiiga isaan kan hundeesse Iyyasuus Kiristoos qulqulluu waan ta’eef Manni Kiristaanaa qulqulluudha. 1 Phe 1:15-16, Hoj 23:20 Manni kiristaanaa qaama Kiristoos waan taateef qulqulleettiidha. Innis bu’ura ishee, qaama ishee fi gonfoo ishee waan ta’eef qulqulleettidha.

Lammaffaa: Manni Kiristaanaa iddoo hojiin qulqullinaa (tajaajilli) itti raawwatamu fi mana kadhannaa waan taatef qulqulleettii (adda kan taate) dha. Kan adda taate hojii qulqullummaafi. Kanaafuu Mana Kiristaanaa qulqulleettii taate kanatti hojii qulqullummaa hin taane hojjechuun hin malu.

Sadaffaa: Manni Kiristaanaa ilmaan namaa isaan Kiristoositti amanan iccitiilee irratti hirmaachuun (cuuphamanii, gaabbii galanii, fooni fi dhiiga isaa fudhatanii) qulqullummaa itii argatu waan ta’eef qulqulleettiidha. Iddoo qulqullummaan irraa argamu waan taatef qulqulleettiidha.

Afuraffaa: Manni Kiristaanaa fakkeenya Iyyerusaalem ishee samiirraa waan taateef qulqulleettiidha. Gara mootummaa isa samiitti kan nama geessitu Mana Kiristaanotaa kan lafarraa kana waan taateef qulqulleettiidha. Lafa kana irratti Waaqayyoof kan adda taate waan taatef qulqulleettiidha.

Namoonni badii fi cubbuu baay’ee hojjetan Mana Kiristaanaa keessa waan jiraniif namoonni tokko tokko Manni Kiristaanaa kan xurooftu (qulqullummaan ishee kan hir’atu) itti fakkaata. Dhugaan jiru garuu namoonni kunniin yeroodhaan gaabbidhaan hin deebi’anu taanan ofii issanitiif xuraa’u malee Manni Kiristaanaa hin xurooftu. Qulqullummaan Mana Kiristaanaa kan bara baraa fi kan hin jijjiiramne waan ta’eef. Namni yoo ishee kabaje ofiif kabajama, yoo hin kabajnes ofumaaf abaarama. Kunis akkuma Afniin fi Finhaas akkasumas, akkuma Haanaa fi Saphiiraa irratti ta’edha. Hoj 5:1, 1 Sam 2:12 Fakkeenyaaf xurii irratti ifti aduu yoo irratti bahe xurichi ni xiraawa malee ifti aduu homaa hin ta’u. Qulqullummaan Mana Kiristaanaa akkuma ifa aduuti.

Manni Kiristaanaa Kan Hundaati (Hunda Hammattuudha)

Manni Kiristaanaa hunda hammattuudha yeroo jedhamu kan hundaa (kan addunyaa, “universal”) fi hundaa oli jechuudha. Kunis kadhannaa amantaa irratti “እንተ ላዕለ ኩሉ” ykn “Hundaa ol kan taate” kan jedhuun beekama. Manni kiristaanaa kan hundaa akkuma taate akkasumas hundaa oli. Dhiiga Kiristoosiin kan hundeeffamte Manni Kiristaanaa kan saba kanaati, kan saba kanaammoo miti kan hin jedhamne; sanyiidhan, qooqan, gosa fi bifaan akkasumas iddoodhan kan adda hin qoqqoodamne; kan hundaa fi hunda keessa kan jirtudha. Ifa addunyaa kan jedhamu qulqulluun Phaawuloos Manni Kiristaanaa kan hundaa ta’uu ishee akkas jechuun ibseera “Kan Yihudaa yookan kan Giriik hin jiru, garbicha yookan birmaduu hin jiru, hundi keessan Iyyasuus Kiristoosin tokko waan taataniif.” Gal 3:28.

Manni kiristaanaa kan hundaati (kan idil-addunyaati) yeroo jennu sadarkaa 5tti qoodnee ilaaluu dandeenya.

Haala Teessuma Lafaatin (Geography): Manni Kiristaanaa kan biyya kanaa yookan kan naannoo kanaati hin jedhamu. Kiristoositti kana amane, kan cuuphame hundi (kutaa addunyaa kamirraayyuu yoo dhufe) kan keessa jiraatu fi kan itti galudha malee.

Amala Namaatiin (Personal Attributes): Manni Kiristaanaa kan sanyii kanaa, kan dubbattoota afaan kanaa, kan saala kanaa yookan kan namoota umrii kanaati hin jedhamu, kan hundaati malee. Mana kiristaanatti namni amantii isaa malee eenymmaan isaa hin gaafatamu.

Yeroo/Baraan (Time Horizon): Manni Kiristaanaa kan dhaloota bara duuka bu’ootaa irraa eegalee ture, kan dhaloota amma jiruu, kan dhaloota fuulduraatisi. Manni Kiristaanaa kan hundaati yeroo jedhamu kan dhaloota hundaati jechuudha.

Tartiiba Aangootiin (Hierarchcal): Manni Kiristaanaa kan Paatriiyaarkichaa, kan phaaphaasotaa, kan lubootaa, kan diyaaqonootaa akkasumas kan namoota amanan hundaati. Hundinuu mana kiristaanatti gahee isaanii qabu.

Samii fi Lafa Irratti (Earth and Heaven): Manni Kiristaanaa tokkummaa qaama lubbuu fi qaama foonitiin jiraanii waan taateef kan hundaati. Manni kiristaanaa kan Kiristoos akkuma taate, namoota kan Kiristoos ta’an hundaaf kan isaaniiti.

Manni kiristaanaa kan hundaati yeroo jedhamu egaa kan hundaati qofa jedhamee kan dhumu miti. Kan hundaati yeroo jedhamu hundinuu Mana Kiristaanaa keessatti gahee mataa isaa qaba jechuudha. Qormaanni yeroo ishee muudates hundumaa ilaallata jechuudha.

Manni Kiristaanaa Kan Duuka Bu’ootaati

Eeyyee, Manni Kiristaanaa kan duuka bu’ootati. Kiristaanotni jalqabaa duuka bu’oota turan. Gooftan keenya fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos Mana Kiristaanaa isaa kan hundeesse bu’ura duuka bu’ootaa irratti, “Yaa ilma Yoonaa yaa Simoon ati kan ayyaanomteedha, ani siin nan jedha ati kattaadha, kattaa kanarrattis Mana Kiristaanaa koo nan hundeessa gooftummaan du’aa irratti hin hammaatu. Furtuu mootummaa samiirraa siif nan kenna lafarratti kan hiitu samiirrattis kan hidhame ta’a, lafa irratti kan hiiktu samii irratti kan hiikame ta’a” Mat 16:15 akkuma jedhu.

Du’aa ka’umsa boodas “nagaan isiniif yaa ta’u Abbaan akkuma naan jedhe anis isiniin nan jedha akkasis jedheenii afuura isaa uffi itti jechuun akkas jedheen Afuura Qulqulluu fudhadhaa cubbuu isaanii kan dhiiftaniif ni hafaaf, kan hin dhiifneef garuu dhiifamn hin godhamuuf” Yoh 20:22.

Haala olitti ibsame kanaan duuka bu’oonni aangoo Mana Kiristaanaa hoogganuu fi bulchuu Gooftaa irraa fudhataniiru. Kulqulluun Phawuloosis “Mana Kiristaanaa dhiiga Isaatin hundeesse akka eegdaniif Afuura Qulqulluun phaaphaasii taasisee waan isin muudeef garee kanaa fi mataa keessaniif of-eeggadhaa” Hoj 20:28 jechuun Manni Kiristaanaa qulqulluu siinoodoosin buluu akka qabdu nu hubachiisera. Siinoodoosii jechuun yaa’ii phaaphaasotaa ta’uu isaa hubachiisa. Manni Kiristaanaas kan duuka bu’ootaati yemmuu jennu wantoota sadiini.

Hidda Muudiinsaa: Duuka bu’oota irraa eegaleea adda otoo hincitin hanga Mana Kiristaanaa amma jiru kanaa kan gahe waan ta’eef Mana Kiristaanaa kan duuka bu’ootaa taasisa. Aangoon lubummaa Gooftaan keenya duuka bu’ootaaf kenne adda osoo hin citin kallattiin daddarbaa dhufuun isaa ibsituu Manni Kiristaanaa kan duuka bu’ootaa ta’uu isheeti.

Dhalootaa Gara Dhalootaa Daddarbuun: Manni Kiristaanaa hojmaata duuka bu’ootaa fudhachuun, raawwachuun ishee kan duuka bu’ootaa ishee taasiseera. Akkuma duuka bu’ootaa Siinoodoosii qabdi. Akkuma duuka bu’ootatti cuuphxi. Akkuma duuka bu’ootaatti sirna kadhannaa geggeessiti. Fooni fi dhiiga isaa ni kenniti. Duuka bu’oonni kan hojjetan akka duuka bu’ootaa taatee ni hojjetti. Seera duuka bu’oota irraa adda ta’e qabaachuu hin dandeessu. Kunis ibsituu kan duuka bu’ootaa ta’uu ishee ibsan isa biraati.

Hiikaa Kitaabaatiin: Manni Kiristaanaa hiikkaa kitaaba ykn macaafa qulqulluu walharkaa fuudhiinsaan duuka bu’oota irraa kaasee as gahe waan qabduuf kan duuka bu’ootati. Akka duuka bu’oonni hiikaniti hiikkatti. Akka duuka bu’oonni barsiisanitti barsiisti. Kan duuka bu’oonni hin barsiisne hin barsiistu. Kanaafuu Manni Kiristaanaa kan duuka bu’ootati.

Kan Kiristoos kan taate Manni Kiristaanaa Qulqulluu Siinodoosiin buluu kan eegalte baruma duuka bu’ootaa irraa kaasee ta’uu isaaf ragaan Macaafa Qulqulluudha. Sababiin yaa’ii qulqulluu Siinoodoosii inni jalqaba taasifamees abbaan wangeelaa qulqulluu Luqaas barreeffama isaa kan Hojii duuka bu’ootaa ibsu irratti haala kanaan seenesseera: “Isaan tokko tokko Yihudaadhaa bu’anii akka seera Muusetti yoo hin kittaanamne fayyuu hin dandeessan jechuun obboloota barsiisu turan. Isaa fi Phaawuloos, Barnaabaas gidduus mormii fi lolli yeroo turetti mormii kanaaf Phaawoloosi fi Barnaabaas isaan keessayis namoonni tokko tokko gara Duuka Bu’ootaa fi gara Lubootaa gara Iyyerusaaleem akka bahan murteeffame. …” Afuura Qulqulluun duuka bu’oota irra bule qulqulluu Phaawuloos irras kan bule ta’ee osoo jiruu qulqulluu Phaawuloosi fi Siilaas namoota biraa dabalatanii maalif gara duuka bu’ootaa deemun isaan barbaachise? Gaaffiin jedhu fi deebiin isaa hundeeffamni fi sadarkaan Mana Kiristaanaa bara duuka bu’ootaa irraa eegalee kan ture ta’uu nu hubachiisa.

Qulqulluun Phaawuloosi fi Siilaasis bulchiinsa Mana Kiristaanaa dursummaa Afuura Qulqulluutiin hundeeffameef bitamoo ta’uu isaanii mul’isa. Sababni isaas duuka bu’oonni Mana Kiristaanaa akka eeganii fi akka bulchan Afuura Qulqulluun phaaphaasota taasisee kan isaan muude waan ta’aniifi. Kanaafuu Mana Kiristaanaa ishee jalqabatiif murteessitootni isa dhumaa isaan turan. Dhaalummaa duuka bu’ootaa kan qabdu Mana Kiristaanaa Kiristoos irratti qaamni dhumaa murtee kennu qulqulluu siinoodoosidha. Kanaafidha Manni Kiristaanaa kan siinoodoosii hin qabne Mana Kiristaanaa duuka bu’ootatii miti kan jennu.

Akka seenaa Mana Kiristaanaa irraa hubannutti yaa’iin qulqulluu siinoodoosii inni jalqabaa dura bu’ummaa phaaphaasii Iyyerusaaleem qulqulluu Yaa’iqoobiin bara 49-50 gidduutti kan adeemsifame waldhabdee saboota kiristaanummaa fudhatanii fi Ayihudoota kiristaanummaa fudhatan gidduutti uumamaeef fala kennuuf ture. Duuka bu’oonnis bitaa fi mirga dhagahuun murtee kanaa gadii kennaniiru. “Duuka bu’oonni fi obboloonni, Luboonni, obboloota Antsookiyaa, Sooriyaa, Kilqiyaam akkasumas obboloota gosa sabootaaf nagaa ni dhaamu.

Namootni nuti hin ajejin nu keessaa bahanii akka kitaanamtan fi seera isaa eegu qabdan jechuun laphee keessan isin jeeqaa jirachuu dhageenyet Gooftaa Iyyasuus Kiristoosiif lubbuu isaanii kan kennan nutis kan isaan jaalannu Barnaabaas fi Phaawuloos waliin namoota filataman gara keessan erguuf yaada tokoon waliigallee murteessine. Yihudaa fi Siilaas dabalataan afaan isaanitiin isuma isinitti akka himaniif gara keessanitti ergineerra. Qalma waaqayyoolii tolfamaniif dhihaate, dhiiga waliinis kan makame akka hin nyaatne, akkasumas sagaagalummaa irraas akka fagaattan jennee kanaan ala garuu ba’aa akkan isinitti hin feene nuti fi Afuura Qulqulluun heyyamneerra. Kana hunda irraa of eegnan nagaadhan ni jiraattu; nagaa isiniif haa kennu.” Hoj 15:22-29.

Manni Kiristaanaa bulchiinsa ishee lafa Filisxeemii gara bulchiinsota Roomaa birooti babal’ifachaa yeroo dhuftetti sirna caaseffama duuka bu’ootaa akkuma qabatetti turte. Ayihuudota irrayis saboota irraayis kan dhufan duuka bu’oota kan dhagahan, duuka bu’oota irraa kan baratan, abbootin duuka bu’ootaa, teessoo duuka bu’ootaatti bakka buufamaa walirraa fuudhiinsi osoo adda hin citin itti fufeera. Akka Ereniyoos fi Iphifaaniyoos ibsutti teessoo qulqulluu Pheexiroos irratti qulqulluu Pheexiroositti aansee duuka bu’aa isaa kan ture Liinoos yoo ta’u (maqaan abbaa kanaa Xiimootiwoos 2ffaa 4:21 irratti caqafameera) Awusaabiyoos garuu dhaalaan teessoo qulqulluu Pheexiroos Qeleminxoosi jedha. Teessoo qulqulluu Maarqoos irra immoo, qulqulluun Marqoos kan isa barsiise, cuuphe fi luba kan isa taasise hojjetaa kophee kan ture Anaaniyaasin muudamee ture. Duuka bu’aa qulqulluu Yohaannis kan ture Poolikaarpi fi akkasumas kan biroon duuka bu’oota irraa kallattiin aangoo Mana Kiristaanaa bulchuu argataniiru.

Manni Kiristaanaa Oortoodooksi Tawaahidoo Itoophiyaa kan duuka bu’ootati kan jennu duuka bu’aa kan ture karaa qulqulluu Filiiphoosiin bara araaraa 34tti cuuphaa kan fudhatte waan taateefi. Boodas jaarraa 4ffaa keessa seera Siinoodoositiin teessoo qulqulluu Maarqoos jalatti kan hundeeffamte ta’uu isheetini. Abbaa teessoo mataa ishee kan taaates mana kiristaana Iskindiriyaa irraa karaa seera qabeessa ta’een fi karaa qannoonaan Mana Kiristaanaa heyyamuuni. Kanaafis abbootin keenya woggoota hedduudhaf mana kiristaana iskindiriyaa kadhachaa turaniiru. Kunis dhaalli duuka bu’ootaa walitti fufiinsi isaa akka hin citneef wareegama kanfalameedha.

Manni Kiristaanaa Kan Bara Baraa fi Kan hin Haaromfamnedha

Kan bara baraa ta’uun itti ibsama Mana Kiristaanaa keessaa isa tokkodha. Manni Kiristaanaa kan bara baraati. Bu’urri ishee Iyyasuus Kiristoos isa bara baraati waan ta’eef isheenis kan bara baraati. Tokkummaan Kiristaanonni qaama fooniin jiranii fi Kiristaanonni qaama lubbuutin jiran Kiristoos waliin qaban kan bara baraa waan ta’eef Manni Kiristaanaas kan bara baraati. Kan bara baraati yeroo jennu bara barummaan ishee eeggameeti malee haaromfamaa jiraatti jechuu miti. Kiristoos Mana Kiristaanaa dulloomtu, kan jijijjiiramtu yookan kan baddu hin hundeessine. Wanti hin dulloomne immoo hin haaromfamu. Yeroo hunda haaradha waan ta’eef. Kanaan ala garuu Manni Kiristaanaa yaa haaromfamtu jechuun dogoggoroota ykn gantummaa kanaa gadii hordofsiisa.

Manni Kiristaanaa yaa haaromfamtu jechuun: bu’urri duuka bu’ootaa ishee hin barbaachisu, yeroo yeroon bu’ura biraa ishee barbaachisa jechuudha.

Manni Kiristaanaa yaa haaromfamtu jechuun: hundeessaan ishee hir’ina waliin ishee hundeesse waan ta’eef nuti guutuu ishee yaa taasisnu jechuudha.

Manni Kiristaanaa yaa haaromfamtu jechuun: kan ishee keessa turan kan ishee keessa jiraatan hin fayyine (hin qulqulloofne) jechuudha.

Manni Kiristaanaa yaa haaromfamtu jechuun: iccitiiwwan isheen raawwattu fayyinaaf gahaa miti waan ta’eef yaa fooyya’an jechuudha.

Manni Kiristaanaa yaa haaromfamtu jechuun: nuti warra dur turan irra fooyya’oo waan taanef Mana Kiristaanaa fooyyoftuu taate yaa bu’ureessinu jechuudha.

Kanaafuu yaanni Manni Kiristaanaa yaa haaromfamtu jedhu dogoggora bu’uraati. Iccitiiwwan utubaa ta’an shanan kan fooyya’an yookan kan jijjiiramanii miti. Cimanii kan jiraatanidha malee. Haa ta’u garuu wantoonni Mana Kiristaanaa keessatti haaromsi isaan barbaachisu lama ni jiru. Isaanis bulchiinsa Mana Kiristaanaa fi jireenya Kiristaanotaati. Kuni lamaan haala barsiisa Mana Kiristaanatiin yeroo yeroon ilaalamuun fooyya’uu ni danda’u. Bulchiinsa ammayyeessuun barbaachisaadha. Jireenyi Kiristaanotaa immoo gaabbidhaan haaromfamaa jiraata. Kanaan ala garuu nama kan haaromsitu taatee Manni Kiristaanaa ofii isheetii hin haaromfamtu.

Galatni Waaqayyoof